“Roorroo Abbaatu If Irraa Ittisa” Qeerroon Shimalaan rasaasa dura dhaabbachuun hidhamaa Oromoo bilisa baasan

Hagayya 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Hagayyaa 4/2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Giddaa Ayyaanaa Guttiinittii Har’aa ganamaa sa’aa 12:00 irraattii poolisonnii wayyaanee sabboonaa Oromoo Obboo Margaa Jogoraa Gammaadaa seeraan Alaa mana galmaa isaa sakkata’uun humna ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtu sababa jedhuun poolioonni aanaa qabanii gara mana hidhaatti yeroo geessaa jiranitti dargaggoonni ykn Qeerroo naannichaa wal gurmeessuun fincila kaasuun dhagaa fi ulee dhaan poolisoota dursanii eeguun reebanii sabboonaa Oromoo Margaa Jogoraa Gammadaa harka diinaa irraa baasanii nagaan gara mana isaatti akka galu taasisanii jiru.
Yeruma kanatti poolisoonnis rasaasaa dargaggeessaa Oromoo irraattii xaxeessaani, dargaggoonnii Oromoo sodaa tokkoo malee of irraa deebisuun poolisotaa sabboontotaa qabdee hidhuuf manaa baatee harka naannicha irraa ari’uun harka duwwaa galchuu gabaasi nu gahe addeessa.

Leave a comment