Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa of Harkaa Qabu irraa Amantaa dhabuun bakka bakkaattii jijjiraa jira.

Hagayya 06,2012 Jimma
Godina Jimmaatti Poolisotaa dhalootaan Oromoo ta’anii fi humnaa darbatamaa(Faxinoo daraash) kanneen jedhamaan Magaalotaa fi Aanotaa duraan irraa qubsifamaan irraa kaasuun oliif gadii jijjiraa jiraachuun Wayyaanootaa beekame.
Humnaa Darbatamaa duraa Magaalaa Aggaaroo irraa ture, Hagayyaa 3/2012 gara Godinaa Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Neqemteettii jijjiree jira, kanneen magaaalaa Jimmaa irraa turaan gara Godinaa Iluu abbaa Booraattii jijjiiree, kanneen Iluu Abbaa Booraa Irraa turaan gara magaalaa Jimmaattii fidee kan jiruu ta’uun hubatame.
Sochiin jijjiirraa humnaa waraanaa Wayyaanee xiyyeeffaannoon isaa innii guddaan ilmaan Oromoo irraattii ta’uu odeessii keessaa waraanaa Wayyaaneetii bahuu ifaa godhee jira. Poolisonnii ilmaan Oromoo bakkaa bakkaattii hin jijjiramnuu jechuun mormaaniin isiin seelii ABO tu isiin keessaa jiraa jechuun humnaa tikaa Wayyaanee kan Godinaa Jimmaa irraa jiruu Daassaalenyi Kebede jedhamuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafame,keessaattuu waraaqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuu kan ABO’n facaasaa jiruu utuu argitanii dhiistaan, namootaa waraqaa kanaa facaasaa jiruus ni beektuu jechuun gaaffii qaxxamuraa gaafachuun polisonnii sirnicha wal hunkuraa jirachuun ibsamera.
Gama biraan baratoonnii Oromoo University garagaraa irraa boqonnaaf galanii jiraan magaalaa Baddaallee keessaattii guyyuu humnaa poolisaa fi milishootaan eegaamaa jiraachuun gabaafame. Kanumaa keessaan diddaan uummataa akka malee jabaachaa jiraa, Hagayyaa 3/2012 Hordoftoonnii Amantaa muslimaa magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Sarboo,Gembee fi,Shabee naannoo masgidaa isaanittii sagalee Mormii dhageessisuun Filaannoon hoggaantotaa amantaa muslimaa,gaggeeffaamuuf jiruu, maaliif gandaa irraatti filaannaa ? Gandaa gandaa irraattii hin filaannuu kan keenyaa dhimmaa amantaa bakkaa amantaattii filaannaa, malee innii gandattii haafilatamu jedhu caasaa mootummaati malee sirna amantaa miti jedhu. Kanas ta’u mootummaan Wayyaanee waan ummanni jedhuun deemuu dhabuu irraan korojoo filmaata abbootii amantaa ta’anii gada gadatti qopheessaa jiraachuun beekame.

1 thought on “Mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaa of Harkaa Qabu irraa Amantaa dhabuun bakka bakkaattii jijjiraa jira.

  1. ega ya saba oromoo yeroon bilisummaa keenyaaf caalaatti falminu yeroon isaa amma dha.
    diinni meeshaa fi humna waraanaan olii gadi haa maratu malee hundi keenya bilisummaa keenyaaf
    falmuu irratti tokkummaan jabaachuu dha.kanaaáchi karaa adda addaa afaan u faaajessuun nagaan bilisummaa arganna jechuun abjuu dha
    nagaatti
    d3

Leave a comment