Qaallittii keessatti wal’aansi fayyaa Oromoof hin kennamu;kanneen dhukkubsatan wal’aansa akak hin arganne waan godhamniif fincilli ka’e.

(Qeerroo,Finfinnee, 5 Hagayya 2012) Lammilee Oromoo mana hidhaa Qaallittiitti hidhamanii jiran irratti dararaan Mootummaa wayyaaneen irra gahu hammaataa kan jiruu ta’uun bira gahame. Maddi Qeerroo akka gabaasetti, Oromoonni 69 waggaa darbee Oromiyaa garaagaraa irraa balleessaa tokkoo malee qabamanii hidhaman akka malee hiraarfamaa fi murtii malee beellamaan gidirfamaa akka jiran beekamee jira.
Keessaayyuu, lammiileen Oromoo kunneen erga qabamanii kaasee haga yoonaatti murtii tokkoo malee maqaa qoraannoo qofaan beellamamaa fi mana hidha akeessatti hiraarfamaa akka jiran beekameera. Haalumaa kanaan hidhamtotaa 69 keessaa barattootni Oromoo lamaa akka malee dhukubsatanii kan jiran yoo ta’u haga yoonaatti wal’aansa mana yaalaa dhorkamnii kan jiraan ta’uun hubatameera.
Barattooti kunneen lameenis 1. Barataa Geetachoo Iddoosaa fi 2. barataa Hirphasaa Diriirsaa kanneen jedhaman, dhukkubsatanii otuu jiranii sababa Oromoo ta’aniif yaalaa akka hin arganne godhamanii jiru.
Dhimma kanaan kan walqabates, hidhamtoonni ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii keessatti hidhamnii jiran “hangaa hidhamtoonni dhukkubsachaa jiran waldhaansaa hin argannetti, nyaataa hin nyaannu,” jechuun fincilaa nyaataa lagachuu gaggeessanii jiran.
Haalaa kanaan Mana hidhaa Qaallitii Zone 1,3,6, kessatti diddaan ilmaan Oromoo jabaachaa jiraachun kan beekame yoo ta’u, ergamtooti wayyaanee immoo sababa kanaan hidhamtoota dararaa akka jirtu illee bira gahamee jira.
Mootummaan Wayyaanee fincilaa ilmaan Oromoo kallattii garaagaraatiin belbelaa jiru dhaamsuuf ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuruu kan aadeffatte ta’uunis beekamaa dha.

Leave a comment