Mootummaan Wayyaanee dhabama isaa jala daraggoota Oromoo jumlaan hidhuu araada godhate.Waraanni Wayyaanees abdii kutachuu muldhise

Hagayya 05,2012.
Oromiyaa keessatti diddaan uummataa jabaachaa waan dhufeef waraanni mootummaa Wayyaanee tasgabbii dhabe.Waraana mootummaa Wayyaaneetti dirqamni kenname kan duraanii irra daran jabaachaa waan dhufeef waraannis gara abdii kutannaatti ce’ee jira.Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii fi Kolooboo jedhamn keessatti waraanni Wayyaanee hedduumminaan bobba’uun uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu isin ABOti,Qeerroon isini jechuun dargaggootaa fi abbaa maatii qabanii hidhuun reebichaan dararaa jiru.Ilmaan Oromoo ganda kanneen keessaa 50 ol mana hidhaatti ukkamsuun galgala galgala mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Hoomii keessatti lama lamaan guuruun reebichaan dararaa jiru. Yeroo ammaa naannichatti Oromoonni mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiranis

1. Dargaggoo Gammachiis Mulaatuu
2. Abbaa maatii Mitikkuu Margaa
3. Dargaggoo Efreem Ejjetaa
4. Dargaggoo Lijaalem Yaadataa
5. Abbaa Maatii Abarraa Tarfaasaa
6. Abbaa Maatii Taammiruu Tarreessaa
7. Dargaggoo Lalisaa Margaa
8. Abbaa Maatii Taayyee Tarfaasaa
9. Dargaggoo Habtaamuu Bantii
10. Dargaggoo Gammachuu Bantii
Keessatti argamu.Qeerroon naannoo kanaas hidhaa fi ajjeechaan duuba nu hin deebisu jechuun halkanii fi guyyaa diddaa itti fufanii jiran.Uummatnis wal gahii Wayyaanee lagatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo OROMIYAAN NI BILISOOMTI!,GARBOOMFATAAN NI KUFA!, jedhanis ganda hoomii keessatti maxxanfamanii jiran.Qeerroo Oromootti diina tahuun yeroodhaa yerootti rakkisaa kan jiru jala deemaan Wayyaanee Karrasaa Toonee kan jedhamu yoommuu tahu Mana barumsaa Biiftuu keessatti barsiisummaan turee miseensummaa OPDOn liigii dargaggootaa erga seenee booda gara Ijaarsa OPDO keessa kan seene dha. Karrasaa Toonee fi kanneen isa waliin wal fakkaattan wayita Oromoon tokko tahee diina isaa buqqisaa jirutti alagaa jala kurkuruun keessan bu’aan isaa miidhaa fi taajjabbii waan taheef qabsoo Oromootti akka dabalamiin ummanni naannichaa gorsaa fi akeekkachiisa kennee akka jiru Qeerroon gabaasa.

Leave a comment