Hagayya 04,2012 Amboo
Gabaasaaa G/Shawaa Lixaa,Ona Dandii,Ganda Gincii irraa har’a;Hagayya 3 gabaasuun kaleessa Hagayya 2 uummanni ganda kanaa daandii konkolaataa ganda isaaniitti tolchuuf buusii barbaachisu walitti buusuudhaan haala kana irratti marii gachuuf ganama keessaa sa’a 2:30 irratti walitti qabamanii walgayii godhatan. Haata’u malee sa’a sanatti walitti qabama siyaasaa jechuudhaan jala deemtonni wayyaanee ona sanii uummata kana irratti gaaffii kaasuudhaan maaliif akka walitti qabamtan nuuf ibsaa, kaayyoo maaliitiif akka walgayiin kun ta’ame mee nuuf ibsadha, kun yaada biro ka’umsa yeroo waliin wal qabatee jiruudha, dhimma misooma miti jechuudhaan guyyaa kaleessaa guutuu uummata ona kanaa yakkaa akka oolan gabaasaan addeessa. Shakkii kanaan wal qabatee halkan kaleessaa sa’a 8:00 irraa kaasee halkan keessaa jechuudha, daandii magaalaa Amboo fi Naqamte jidduu wal quunnamsiistu guutummaan waraana wayyaaneetiin guutamee akka jiru,bosonni daandii cinaa guutummaan, bakka namni hin jirre mara waraanaan qabamee akka jiru gabaasaan qeerroo ganda Ginci irra jiru addeessee jira. Akka odeessaan jedhutti waan waraanni eegaluudhaaf bakka qabachuuti jedha haalli waraana wayyaanee kanaas, har’a qeerrooleen ona Dandii nama shan shaniin wal gurmeessuudhaan sirboota qabsoo kan akka geerarsa Eebbisaa Addunyaa sirbaa daandiima hidhattootni wayyaanee kun irra jiran irra sirbaa asii fi achi deddeebi’aa oolanii jedha odeessaan ganda sanii. Uummanni hedduu waan rifatee aaree jiruuf sochiin tokko waraana wayyaanee kanaan yoo eegale gara tarkaanfiitti ka’uuf qophii godhanii akka jiran gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan nu kufa!!