Hagayya 04,2012
Mootummaan Wayyaanee sochii dargaggoota Oromoo magaalaa fi baadiyyaa biyyaa keessatti warraaqsa gaggeessaa jiru ukkamsuu fi dadhabsiisuuf humna waraanaa fi poolisaa akkasumas tika hedduu bobbaasee cabsuu fi dadhabsiisuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa toftaa godhatee kan jiru basaasota isaa maqaa ABO fi Qeerroon waraqaa barreessee dhaaba ABO tu na erge ani qeerroon ijaara jedhanii naannoo ummanni isaan hin beekne keessa caasaa malee warri soco’an jiru,Haala kanaan basaasa isaa naannoo Wallagga Dambi Dollootti bobbaasee maqaa dhaabaan akka daldalanii fi ummataa fi barattoota soban taasisaa jira.
Akka kanaan baasii Wayyaanee Damissee Hordofaa jedhamu magaala Dambi Dolloo keessa deemee uunkaa miseensummaa ABO guutaa jechuun akka ummata basaasaa jiru bira gahamee jira. Namni kun kallattiin Adaamaa irraa ergamee naannoo D.Doollootti Hoteela keessa ta’ee ummataa fi barattoota akka goyyomsaa jiru bira gahame.
Ummanni fi dargaggoonni naannoo saniis nama kana irraa jabeessanii akka of tiksan qeerroon gabaasa.
Gama biraan gabaasaa Godina Wallagga Dhiyaa,Aanaa Najjoo,magaalaa kanaa irraa aaddeessun, Hagayya 1 fi 2 barattoota koollejjii fi yuuniversity irraa galan walitti qabuudhaan guyyaa lamaan kana qaama olaanaa irraa dhufanii wal gayii teessisaa akka iran maadheen on a sanaa gabaasa. Kaayyoon walgayii kanaas barattoota barumsa isaanii xumuranii jiraniin dokumantii keessan galfadhaa, unka miseensummaa OPDOs guutaa jechuudhaan barattoota walgayii teessisaa akka jiran gabaasaan addeessa. Barattootni yuunniversity fi koollejji kana irraa xumuranii galan hojii argachuunis nutti haafu miseensa keessan hin guunnu jechuudhaan kaleessa qaama mootummaa Wayyaanee irraa walgayii kana gaggeessuu dhufan fesheleessanii galan. Akkasuma itti fufuudhaan qote bultoota Ona sanaa har’a,Hagayya 2 xaa’oo fudha jechuudhaan walgayii waamanii jiru. Uummanni xaa’oo kana akka hin fudhanne walii galee waan jiruuf lafti keenya xaa’oo keeessaniin alattiyyuu midhaan nuuf baasuu yoom dide jechuudhaan xaa’oo dhufe akkuma jirutti bakka isaatti akka deebi’ee qaama mootummaa keessaa xaa’oo kana fidanii dhufan akkuma jiranitti qaana’anii akka deebi’an ganama kana qeerroon ona sanaa addeessa.