Oromoonni Amantii Musliimaa Hordofan Amma Illee Hidhamaa Jiru.Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe.

Hagayya 03,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Oromiyaa keessatti diddaa haalaan deemsifamaa jiruun wal qabatee mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo maqaa namuusaa fi misoomaa jedhuun irraanfachiisuuf yaalus milkii dhabuun diddaan rarraafame.
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Dhidheessaa Magaala Dambii keessatti qeerroon mootummaa Wayyaanee cinqe.Waraqaaleen warraaqsaas hedduumminaan kan raabsaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee hojii kana kan hojjetan ijoollee Oromoo hojii hin qabnee fi kanneen miseensa keenya hin taane jechuun doorsisaa fi sakatta’insaan uummata goolaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan Godina kana kan qubate yoommuu tahu uummatni sodaa malee wal gahii isin waamtan hin baanu,Waan dhugaan gaafanne duubatti kan nu deebisu hin jiru jechuun bilchinaan jala dhaabbatanii jiran.Haaluma Wal fakkaatuun Godina Arsii magaala Shaashimannee keessatti mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni musliimaa gaafate ukkaamsuuf olola dharaan uummata hiriira baasistu diddaan waan guutameef guyyaa maraa masgiidotni marti waraana Wayyaaneen akka tikfamanii fi uummatni nagaan deemu akka sakatta’amu taasisanii jiran.Magaala Kana keessatti hordoftoota amantaa musliimaa fi Oromoota kan tahan isin Kaayyoo ABO tarkaanfachiisaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo hordftoota amantaa musliimaa tahan
1.Obbo Amaan Mohaammed Siraaj
2.Dargaggoo Kamaal Ibraahim
Jedhaman mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran.Diddaan gama hundaan mootummaa Wayyaanee waan cinqeef yeroodhaa yerootti waraanni wayyaanee waraana guutuun uummata irra deemuun akka doorsisanis murteessanii jiran.Gaaffii mirgaa uummatni gaafatu humni kamuu dhaamsuu akka hin dandeenyes dhaamanii jiran.

Leave a comment