Hojjettootni Mootummaa amantaa Wayyaanee irraa dhabuu ifaan ibsuu jalqaban.Ololli Wayyaanees uummata biratti fudhatama dhabe!‏

Hagayya 03,2012 Finfinnee

Itoophiyaa keessatti hojjettootni mootummaa mootummaa wayyaanee irraa shakkii isaan mudate ifaan ibsuu jalqaban.Biyyattii keessatti wayita
abbaa irreen biyyattii Mallasaan dhukkubsatee jiraachuu fi du’uun isaa ifaan ibsamuu dhabametti hojjettootni mootummaa eenyuuf,maaliif akka
hojjennu nuu hin galu jechuu jalqaban.Magaala Finfinnee Biiroo Qorannoo Qonnaa Oromiyaa keessaa hojjettootni mootummaa hojjetan ifaan
wal gahii godhachuun marii’atan.Mootummaan biyyattii haala kam irra akka jiru nuuf ibsamu taanaan ejjennoo mataa keenyaa fudhanna jechuun
lafa kaa’atan.
Haaluma Wal fakkaatuun tikni mootummaa wayyaanee amantamummaa wal irraa dhabluun malaammaltummaan isaan gidduutti uumame qorannoo cimaa tahe.Tikni mootummaa wayyaanee yeroo dheeraaf qabsoo uummatni gaggeessu dura dhaabbatu wal qorachuutti deebi’ee jira.Hojjettootni
mootummaa golee biyyattii keessaa marti yeroo ammaa amantamummaa mootummaa irraa dhabuus yeroodhaa yerootti ibsachaa jiran.

Leave a comment