Hagayya 03,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Hawaasni musliimaa gaaffii mirgaa gaafanne eenyullee duuba nu hin deebisu,shirri mootummaan Wayyaanee olola dharaa gaggeessuun hordoftoota amantaa musliimaa diiguuf deemaa jiru milkii hin argatu jechuun hiriira nagaa itti fufan.Guyyaa har’aa Hagayya 03,2012 hordoftootni amantaa musliimaa magaala Finfinnee naannoo masgiida Anuwaaritti argamuun erga salaatanii booda hiriira nagaa fi mormii saayinsaawaa tahe itti fufanii jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa harkatti waan adii qabachuun Islaamummaan nageenyaa fi gaaffii mirgaa akka gaafatu ibsuun mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ukkaamsaa akka jiru harka wal qaxxaamursuunii fi afaan qabachuun agarsiisanii jiran.
Mormii jabaatee itti fufe kana waraanni mootummaa Wayyaanee meeshaa guutuun diddaa jaamsuuf bobba’anis abdii kutannaan dhaabbachuuf dirqamanii jiran.Waraanni mootummaa Wayyaanee dirqama jabaa itti kennamaa dhufeen hedduu nuffaa kan jiruu fi diddaa hawaasni musliimaa gaafatu hordoftootni amantaa kiristaanaa kan deeggaran tahuus ibsachaa jiran.Kan har’a dhimma amantaa musliimaa keessa keessa booru Wayyaaneen dhimma amantaa kiristaanaa keessa seenuun kan hin oollee fi har’as karaa hedduu saaqaa jiraachuu hordoftootni amantaa kiristaanaa ibsachaa jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa gaaffii mirgaa gaafatan cinaa akka dhaabbatus sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii(qeerroon) ibsatee jira.