Hagayya 02,2012 Naqamte.
Buufata Poolisii Ganda 07 magaalaa Naqamtee jiru keessaa kanneen hojjechaa turan Poolisoonni sirna Wayyaanee 4 gaafa Adooleessa 28,2012 irraa eegalee hidhannoo qaban guutuu waliin magaalichaa fi hojii isaanii irraa dhabamuun warraaqsa ummataatti makaman.
Poolisoonni kun ammaan dura kutaa qabiinsa meeshaa waranaa irraa hojjechaa kanneen turan yeroo ta’u,mootummaan Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti dhoksaan ummata deggertoota ABO ta’an meeshaa hidhachiisaa turtan,meeshaa eehama malee qonnaan bultootaaf kennuu keessan waan qabatamaa qabna jedhanii qormaata jala galchaa akka turanii fi sabboonummaanis yakkamaa akka turan beekama.
Yeroo ammaa kana Poolisoonni maqaan isaanii Caalaa Hundumaa fi Tasfayee Caalii kanneen jedhaman warra hafan lama dabalatanii sirnicha ganuun warraaqsa deemaa jirutti akka makaman addeessa. Poolisoonni kun warraaqsa ummataatti haamakaman malee yeroo ammaatti naannoo fi bakka isaan jiran ammo gabaasi nu gahe hin addeessine.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!
Diinaa dhahamuu fi polisootaa gamaaqabsaawotaatti deebaniif no gammada. Haata.u malee kan naan galin sochiin godhamaa jiru kana eennuu. Hogganamaa hogganooni addaa bilisummaa Oromo turan dantaa mataa isaaniitii jedhanii dhabaaf ummtallee diigan dhiifamaa naagodhi oggaa kanaa jeedhu qabsoon isaan malee hin demtu jechuu kiyyaa Miri.