Ummanni Aanaa Jaardagaa Diddaa Jabeessuun Walgahii Waraanni Wayyaanee Yaame Lagate

Adoolessa 31,2012 Jaarte

Mootummaan Wayyaanee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Jaarroo Siree keessatti waraanni ABO seenee jira sababa jedhuun duula guddaa naannichatti bahe. Akka kanaan Adoolessa 28/2012 irraa kaasee Waraanni Wayyaanee TPLF hedduumminaan gara ganda kanaatti bobba’uun uummataan isin ABO beektu,WBO isintu nyaachisa jechuun doorsisuu irratti jalqabanii jiran.
Haalli kun hammaatee wal gahii uummataa guyyaa kana Cirracha Bakakkaatti godhuuf yaalaniinis uummatni kan dide yoommuu tahu,Kanneen wal gahii bahanis Hojii misoomaa irra waan jirruuf fuuldura olola mataa keessaniif nu hin waamiinaa jechuun wal gahii diiganii jiran.Diddaa uummataa jabaachaa dhufeen Mootummaan Wayyaanee dhiphuu keessa seenuun magaala Aliiboo keessatti wal gahii yeroodhaa yerootti gaggeessuun qorannoo Seelii diinaa jedhuun uummata rakkisuu irratti argamu.
Qeerroon naannoo kanaa hojii dhabdummaa,hanqinni tajaajilawwan hawaasaa,hidhaa fi kanneen biroon jabaachaa waan dhufaniif uummatni akka waliin ka’uun mirga isaa falmatu dhaammatanii jiru.Yeroo darbe keessattis uummatni aanaa kanaa hedduumminaan hiriira bahuun gaaffii mirgaa kan gaafatanii fi Alaabaa ABO ol kaasuun isaanii ni yaadatama.

3 thoughts on “Ummanni Aanaa Jaardagaa Diddaa Jabeessuun Walgahii Waraanni Wayyaanee Yaame Lagate

  1. Uumman rakkina arguun gaariidha. Yoosi ammam wayyaaneen nujibbitu baree irree tokkoon irratti ka`a. Silas bilisii dararaafi dhiiga malee niargamuu jabaannee kottee ofi irraa gatuufi haaqabsoofnu. Injifanoon kan uummata cunqurfamaati

  2. Tokkumaan humna!!!!!!HALAGAAF JILBAAFACHUUN SALPHINA YOO HALGAAF HARKA KENNINE
    LUBBUU ISAANII TOKKITTI BILISUMMAA OROMOOF KAN AKKA :

    JAALLEE ARAARSAA
    ABBAA BIYYAA
    CIRRII
    BALAYI
    TOLASAA MOOSISAA
    TAAKKALAA SOORII
    KAN BIROOS NAANNOOTTI WAREEGAMAN MAAL NUUN JEDHU REE?
    HAA JABAANNUU!!!
    IUO
    G3

Leave a comment