Adoolessa 29,2012 Adaabbaa
Gabaasi Qerroo Godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa akka addeessuun guyyaa Adoolessa 27 mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana shakkii hordoftoota amantaa musiliimaatiin wal qabsiisee, uummata amantaa musiliimaa qabban kanneen Ona Adaabbaa jirtaatan sa’a sagadaa eegee sakatta’iinsa masgiida ona Adaabbaa keessatti argamu keessa mootummaan Wayyaanee tikoota isaa galchee sakatta’iinsa akka godhe gabaasaa qeerroon ona sanii irraa addeessa.
Sababa kanaaf uummanis diddaa fi gaaffii mirgaa duraanuu qabu akka qabatu ta’ee gamtaan ka’ee sagalee diddaa isaa dhageessisaa ooluun Qeerroon gabaasa.
Kanumaan uummataa fi tikoota Wayyaanee gidduutti waaree booda naannoo sa’a 3:00 irratti walitti bu’iinsi cimaan akka uumamee jiru gabaasaan addeessa. Tikoota Wayyaanee keessaas irree uummataa fi barattootaan magaalaa Ona Adaabbaa keessatti reebamuudhaan tikni Wayyaanee sadi gara malee miidhamuun gabaafame.
Haala kanaan lukkeeleen Wayyaanee :-
1.Saamu’eel Dibaabaa -Poolisii Oromiaa
2.Geetachoo Tefarra -Milishaa Ona Adaabbaa
3.Caalaa Warquu -Poolisii Oromiyaa
Kanneen jedhaman uummataa fi barattootaan tarkaanfii adabbii irratti fudhatamee jiraachuun beekame. Kanuma waliin Poolisoonni kanneen miidhaan xixiqqaa irra immoo poolisoota 12 akka ta’e gabaasaan isaa addeessee jira.
Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!