Hararge,Ona Mi’eessoo Keessatti Poolisoonni Diinaa 3 Irree Ummataan Adabaman.Diddaa Ummanni Taasiseen Sabboontoti Hidhamanis Gadiifaman.

“Tolaan Dhabnaan Gaaffii Irreen Mirkanfanna”

Adooleessa 27,2012 Mi’eessoo

Harargee Bahaa, Ona Mi’eessoo keessatti shakkii maqaa ABOtiin barattootni hidhamanii akka jiran gabaasa qeerroo yeroo darbee keessatti gabaafamee jira.Haalli kun ummata naannoo fi maatii baratoota kanaa kan yaaddessee fi biyya dhalatanii jiraatan irratti ilmaan isaanii akka loonii qabamanii hidhamuun kan isaan aarse ummanni barattootaa maatii ijoollee hidhamanii waliin wal qindeessuun Adoolessa 25,2012  barattooti hidhaman hatattamaan akka gadhiifamanii maatii isaaniiti deebi’aniif jecha fincila kaasaniin uummataa fi hidhattoota wayyaanee gidduutti walitti bu’iinsa uumuudhaan lukkuulee Wayyaanee keessaa namni sadii harka uummataan reebamee hojiin ala ta’ee mana yaalaa magaalaa Mi’eessoo akka galan gabaasaan addeessa. Lukkuuleen diinaa irree ummataan adabaman kunis :

1.Abbichuu Daagim

2.Waasihuun Mengeshaa

3.Ifreem Zawuduu

Haalli kun jabaatee waan itti fufee uummannis diddaa jabeessuun gaaffii barattooti kun akka gadhiifamanii waan kaaseef Adoolessa 25/2012 galgala keessaa naannoo sa’a 12:00 AM irratti barattooti kun akka gadi dhiifaman ta’ee jira. Diddaan ummaataa kun roorroo if irraa ittisuu waan ta’eef guutuu Oromiyaa keessatti bifa kana fakkaateen akka deemu qeerroon dhaamsa waliif dabarsee jira.

3 thoughts on “Hararge,Ona Mi’eessoo Keessatti Poolisoonni Diinaa 3 Irree Ummataan Adabaman.Diddaa Ummanni Taasiseen Sabboontoti Hidhamanis Gadiifaman.

  1. alh galataa rabbiitti amale ja’a alh qamaa qama hadooduu onnee sabaa dutuu ta uu qaba akasii gaa namagamachisa hojiin ummataa oromoo kan yeroo ama yaa ummata oromoo walii galaa alaa gala oromiyaan biya ifdandese ta’uule haa benyu itti fufa Bilisuman ni dhufa oromia be free

Leave a comment