Adoolessa 22,2012 Finfinnee
Mootummaan garboomfataa wayyaanee sodaa fincilaaf waraana isaa masgiidota biyyattii keessaa akka tiksan ajaja dabarseef.Hordoftootni amantaa musliimaa fi uummatni biyyattii mootummaan wayyaanee mirga dhala namaa guutummaan dhiibuu hubatan gaaffii mirgaa kaasan jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee masgiidotaa fi bakkeewwan uummatni baay’atu tiksuuf dirqame.Guyyaa har’aa Finfinnee keessatti naannoon masgiida guddaa Anuwaar waraana wayyaanee meeshaa guutuun uummatni salaataaf osoo hin bahiin eegamuu kan jalqabame namootni hojii daldalaa naannoo kanatti hojjechuun of bulchan naannoo kana irraa akka ka’an ykn mana itti hojjetan akka cufanis dirqamanii jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa gamtaan salaataa akka deebi’etti waraana wayyaanee meeshaa guutuun tiksu arge tuffiin abaaranii jiran.
Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti babal’atee fi qeerroon itti jiru dura dhaabbachuuf basaastota hedduumminaan bobbaasuun ishee saaxilamee jira.Basaastotni amantaa musliimaa hin hordofnes masgiida seenanii odeeffata jiru akka musliima fakkaatanii funaanan dirqamni itti kennamuu saaxilamee jira. Qondaala Poolisiin federaalaa Iyyaasuu Mokonnin jedhamu hordoftoota amantaa musliimaa fakkaachuun masgiida Anuwaar keessa turuu odeeffatni poolisii federaalaa fi tika keessaa saaxilee jira.Hordoftootni amantaa musliimaa fi uummatni mootummaan wayyaanee basaastota ramadeef diddaa duuba deebisuu akka hin dandeenye hubachuun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duuba akka hin deebine qeerroon dhaamsa dabarfatee jira.
Haaluma kana waliin Oromoonni nagaa kanneen jiruu fi jireenya isaaniif carraaqata karaa irra deeman qabamanii manneen hidhaa keessatti darbamuu beekame,Yeroo ammaatti manneen hidhaa gandoota magaalaa keessa jiran gara malee guutuu irraan kan ka’e magaalaa ala baasanii jiraattota hidhuutti akka jiran gabaasi addeessa.
Qabsoon itti fufa!

