Adoolessa 21,2012 Dambi Doolloo
Diddaan torbee tokko dura Godina Qellem,Anfilloo irratti eegale utuu wal irraa hin citin hamma ammaatti itti fufuu isaa gabaasaan Qeerroo Anfilloo addeessa. Humni addaa ‘DAMEE LAGGASAA’ kan jedhamu ganda kollii keessatti kaleessa Adoollessa 20 tika Wayyaanee beekamaa fi naannicha keessatti dargaggootaa fi Oromoota walii gala yeroo dheeraaf kan rakkisee gufuu qabsoo ta’e kan maqaan,Indaaluu Asnaaqee jedhamu, humna addaa kanaan tarkaanfiin maayyii akka irratti fudhatame qeerroon Anfilloo gabaasa.
Humni poolisaa fi waraana Wayyaanee adda kan ta’e naanncha dhaquun eenyu nama kana irratti tarkaanfii akka fudhate qorachuuf jecha Adoolessa 20,212 galgala irraa kaasanii ummata naannichaa hiraarsaa akka jiran gabaasi kun dabalata addeessa
Itti fufuudhaan har’a (Adoolessa 21) daandiin ganda Ashii fi magaalaa Aanaa Anfilloo,Muggi gidduu, bakka gaara Baallaa jedhamu,Uummanni mukkeen daandii san irratti jigsuudhaan cufanii konkolaataan karaa darbaa dhabee of irra gara godinaatti(magaalaa Dambi Dolloo) akka deebi’aa jiru Qeerroon magaalaa Dambi Dolloo fi Anfilloo gabaasanii jiru. Akkasuma waraaqaaleen qabsoo gandoota Anfilloo 15 keessatti baldhinaan raabsamaa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe ifa godha hanga ammaatti barruuleen warraaqsaa kan aasxaa Qeeroo qabuun tames gandoota Suddii,.Ash,.Ibbur,Shollaa,.Dollaa,.Dullii,.Shebel,.Heenaa,.Kolli,.Dawo-Tobbii,.Gerechoo,.Kuuroo,.Waabaa Eebbaa,.Yettii,.Heneche.yarer
Kanneen jedhamanitti waraqaaleen kun akka raabsamee jiru qeerroon gabaasee jira.kunis yeroo fi sa’atii tokkichatti akka ta’e gabaasan kun dabalee addeessa. Guyyuma har’aa sakatta’iinsii fi hordoffii guddaan gandoota kana irratti akka raawwatamaa jiru, tikoonni Wayyaanee gandoota kana keessa faca’anii akka jiran gabaafama. Uummannis waraqaa raabsame kanatti gammachuu isaa dhageessifachuu irraa kan hafe dhimma tikoonni Wayyaanee dhufaniifi dantaa itti hin kenninu jedhu jedha qeerroon Anfilloo irra. Diddaan Uummataan,Qeerroo fi humna addaa anaannichatti horatamee jiruun wal ta’uun akka itti fufuu malu gabaasaan qeerroo addeessee jira.
Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!