Videon gara jabina Humnoota Mootummaan Wayyaanee saaxilu argame!

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Adoolessa 2012) Yeroo ammaa kanatti diddaa fi mormii mirgaa fi amantii finiinaa jiru dhaamsuuf hidhattooti mootummaa wayyaanee reebichaa fi dhaanisa naasisaa ummata irraan gahaa akka jiran Qeerroon gabaase.

Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa dahatee waan poolisooti wayyaanee ummata irraan gahaa jiran vidiyoodhaan waraabe akka mul’isutti, poolisooti darggoota bakka tokkotti walitti qabanii dabaree itti darbuun ulee furdaadgaan otuu reebanii mul’ata.

Darggoota kunneen erga bakka tokkotti qabamanii konkolaataa jala teessisamanii booda ummati otuu arguu kan akkanatti reeban warra dhoksaan hidhan immoo akkamitti akka dararan yaaduun nama hin dhibu.

Ajjeechaa fi tumiimsa gara jbinaan guutame raawwachuun kan beekaman humnooti Wayyaanee, amma illee bakak addaddaatti ummata hiraarsaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.

Qeerroon dhaamsa dhaame keessatti kanneen ummata nagaa hiraarsuu keessatti hrmaatan marti guyyaan itti kan harka isaanii argatan fagoo akka hin taane hubachiisee jira.

1 thought on “Videon gara jabina Humnoota Mootummaan Wayyaanee saaxilu argame!

Leave a comment