Magaalli Finfinnee Dirree Waraanaa Fakkaatte ,Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe

Adoolessa 21,2012 Finfinnee

Gaaffii Mirgaa mootummaan Wayyaanee ukaamsuuf olii fi gadi kaatu milkii dhabuun uummatni waraana Wayyaanee dhagaan of irraa dhorke,Mootummaan Wayyeenee EPRDF  gaaffii mirgaa musliimotni gaafatan ukkaamsuuf yaalus uummatni gaaffiin mirgaa ukkaamsamuu hin qabu,Dhuguma Wayyaaneen  garboomfataa dha,Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessaa sababa siyaasaan kan dhufedha jechuun waraana Wayyaanee  uummata reebuu fi qabee hidhaatti guuruuf bobba’e ummanni diddaa fi tokkummaa isaa cimsee dhagaan tume.Naannoo Masgiida Anuwaaritti kan jalqabame yoommuu tahu Wayyaaneen Agaazii kumaatamaan lakkaa’aman naannoo sanatti bobbaasuun uummata dirqamaan akka dhaaban ajaja kennus uummatni kallattii hundaan itti yaa’ee karaa cufuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf bobba’e dhagaan tumee jira.Waraanni Wayyaanees garaa jabinaan uummata reebaa,arii’uu fi qabuun fincila dhaabuuf yaaliin gochaa jiru milkie itti dhabee dhabee daandiiwwan magaala keessaa cufamanii jiran.

Daandiiwwan konkolaataa buufata konkolaataa gara Goojjam Barandaa,Piyaassaa,Lidetaa kan cufaman yoommuu tahu hojiin daldalaa naannoo kanaa dhaabbatee jira.Naannoo kanatti poolisootni ajaja Wayyaanee fudhatan uummata hedduu reebanis diddaan jabaachuun uummatni sagalee tokkoon mootummaan wayyaanee haa bu’u jechuun dhaadatee jira.

Karaa biraa Qeerroonis gaaffiin mirgaa deebi’uu qaba jechuun uummata qindeessee sagalee tokkoon uummatni akka dubbatuuf waraqaa warraaqsaa bittinseen uummatni gammachuun waraana Wayyaanee of irraa ittisuutti seenee jira.Yeroon ammaa mootummaa Wayyaaneef yeroo dhumaa kan tahe yoommuu tahu Addunyaan olola Wayyaaneen dhiyeessitu dhageettii dhiisee dhugaa biyyattii keessa jiru akka hubatuu fi ilmaan Oromoo Addunyaa irra jirtan marti sagalee keessan jabeessitanii akka dhageessistan Qeerroon jabeessee dhaamsa bakka adda addaatti dabarseen beeksisee jira.

1 thought on “Magaalli Finfinnee Dirree Waraanaa Fakkaatte ,Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe

Leave a comment