Goodina Jimmaa keessattis diddaan sirna cunqursaa Wayyaanee irratti ka’e jabaatee itti fufe.

Adoolessa 21,2012 Jimma

Adoollessaa 19 -21, 2012 Godinaa Jimmaa Aanaa Aggaaroo, Sarboo, Deedoo, Gaatiraa, Sokorruu, Geeraa fi Gommaatti Waraaqaan barruulee Qeerroo facaafamaanii jiraachuun beekamaa dha, haaluma kanaan guyyoota kanneen keessatti ummanni mirga abbaa biyyummaa fi namoomaa gaafachuuf jecha tokkommaan wal gurmeessee diddaa itti fufee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Aanaa Aggaroo, Deedoo fi Sarboottii Adoolessaa 20,2012 haawaasni Oromoo amantaa muslimaa hordofaan nannoo maskidaa isaanittii sagalee mormii dhageesisuun mirgii amantaa abbootii irreen nu jalaa sarbamee tokkummaadhaan kaanee haa kabachiifannuu jechuun sagalee mormii dhageesisa oolaan.

Leave a comment