Godina Iluu Abbaa Booraa Warraaqsi Qabate Itti Fufee Qeerroo fi Ummanni gara roorroo if irraa ittisuuti seenan.

Adoolessa 21,2012 Mattuu
Haaluma kanaan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Anaa Dhidheessaattii FDG’n Ummataan jabaatee ittii fufuun Adooleessaa 19, 2012 walittii bu’insii milishotaa Wayyaanee fi ummaataa gidduutti ummaamee ummaanni of irraa deebisee jira. Sochii waraana Wayyaanee dhorkuuf jecha  uummaannii daandii gara Gambeellaattii geessuu cufuun  konkolaataan karaa darbaadhabee rakkachaa kan ture yoo ta’uu , Wayyaaneen diddaa ummaataa kanaa ukkaamsuuf waraanaa ummatattii bobbaastullee ummaannii duraa dhaabbatee mirgaa isaa kabaachiifachaa kan jiruu ta’uun gabafamee jira.
Haala kanaan loltuun Wayyaanee tokkoo namni maqaan Abaay Firaachoo jedhamuu Qeerro dargaggotaa Oromoo waliin walitti bu’ee  reebame. Meeshaa inni hidhatee jirus sochii ummataa naannicha keessatti deemaa jiruuf galee akka jiru gabaasi kun addeessa.

Abaay Firaachoo yeroo ammaa kanaa hospitaalaa Mattuuttii du’aaf jireenyaa gidduutti argamaa.
Kanaa malees, Adoolessaa 20,2012 Aanaa Cooraattii hawaasnii muslimaa sagalee mormii dhaageessisaa olaanii jiru. Diddaa kanatti dabaluunis, magaalaa Cooraa keessaa barruuleen Qeerroo facaafamanii jiru.
Polisonnii Wayyaanees haalaa waraqaa barruu qeerroo kanaattii rifachuun ummaataa jeeqaa kan jiran yoo ta’u, humnii waaraanaa dabalataan gara kanatti guraamaa akka jirus caasaan Qeerroon dhaamee jira.
Haala kanaan Wayyaaneen sodaa guddaa irraa geessee waan jirtuuf humna waraanaa magaalaa Baaddallee irraa qubsistee jirti.Yeroo ammaa kanattis magaalaan Baddaallee dirreedhuma waraanaa fakkaatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa!!

Leave a comment