(Qeerroo, Amboo, 21 Adoolessa 2012) Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyii,Aanaa Caalliyaa Geedoo,Anaa Iluu Galaan Ijaajjii, Aanaa Baakkootti Adooleessaa 19/2012 irraa eegaluun mootummaan wayyaanee ummata goolaa jiraachuun beekame.
Qeerroon akka gabaasetti hidhattooti Wayyaanee aanolee kunneen keessa bobbau’’u “humna hin beekamneetu Anotaa kanaa galee jira,” jechuun humnaa waraanaa koraa bittinneessaa jedhamuu bobbaasuun ummaataa sakkataasisaa jiraachuun hubatamee jira.
Ummanni Oromoo Amaantaa Musliima Hordofaa jiraan kanneen Aanota Bakkoo Tibbee fi Iluu Galaan Ijaajjiitti Adoolessaa 20/2012 sagaalee mormii dhageessisaa jiran.
Keessayyuu, “mirgii keenyaa nu jaalaa sarbamee nuf haa kabaajamuu!” kan jedhan hordoftonnii amantaa Muslimaa kunneen itti dabaluun is, “sababa gaaffii mirgaa fi amntii gafataniif kanneen magaalaa finfinnee irraa qabamanii hidhaan hatattamaan haahiikaman!” jechuun sagalee mormii dhageessisuu issaanii gabaasaan keenyaa ifaa godhee jira.