Oromiyaa Bahaatti shirri Wayyaanee fashale; ummatis walgahii Wayyaanee lagate!

(Qeerroo, Dirree Dhawaa, 21 DAdoolessa 2012) Godina Harargee bahaa aanaa Qarsaa Magaala Laangee keessatti mootummaan wayyaanee horgoftoota amantii musliimaa olola dharaatiin dogoggorsuuf yaaliin godhe fashale.

Motummaan Wayyaanee hawaasa Musiliimaa addaan qooduun akka isaan warra kaan balaaleffatan “ kanneen gaaffii gaafatan shororkeessitoota, kanaaf hiriira itti bahaa,” jechuun hiriira nagaa baasuuf yaaliin karoorfatee ture jabina hawaasaa fi Qeerrootiin fashalee jira.

Ummatni naannoo kanaas, “gaaffiin keenya tokko; gaaffii mirgaati; kanaaf hiriira nagaa isaan mormina jennee hin baanu,” jechuun kutannoo isaanii mul’isanii jiru.

Mootummaan wayyaanee uummata waan hundaa hubate gowwoomsuuf yaalii godheen milishoota gandaa dirqamaan baasuun uummata gowwoomsuuf yaalee akka ture illee gabaasaan keenya addeessee jira.

Ummatni naannoo kanaas mirga isaanii adda durummaan akka falmachaa jiran qeerroon naannoo kanaagabaasaa jira.

Karaa biraatiin, gabaasaa godina Harargee Bahaa Ona Gooroo Guutuu irraa nu dhaqqabe akka ibsutti, guyyaa har’aa Adoolessa 21,uummanni aanichaa walgayii wayyaaneen waamte argamuu diduudhaan deeggarsa hawaasa kaaniif qaban mul’isanii jiru.

Kunis kan wayyaanonni ergamanii dhufaniif qorannaa haala yeroo kaka’umsa uummata hordoftoota musiliimaan wal qabatee ka’en aanicha irratti sakatta’iinsaa fi qorannoo yaadaa gaggeessuudhaaf ergaman yoo ta’u uummanni bahuu diduudhaan akka fashalu godhamee jira.

Akkasumas konkolaataa isaan ittiin dhufan barattoonni aancihaa dhagaadhaan tumanii caccabsuudhaan hojiin ala akka godhan qeerroon gabaasee jira.

Lukkuuleen kunis lubbuudhaan baqatanii kan bahan yoo ta’u, qaama olaanaa federaalatti bilbilatanii waammachuudhaan humna waraana wayyaaneetiin du’a jalaa akka bararan Qeerroon gabaasee jira.

Injifannoon Ummataa Oromoof.

1 thought on “Oromiyaa Bahaatti shirri Wayyaanee fashale; ummatis walgahii Wayyaanee lagate!

  1. Uummati ajaja fi waamicha Wayyaanee fi ergamtota ishee fudhachuu diduun /lagachuun tooftaa qabsoo fi gochaa kufaatii Wayyaanee hariifachiisan keessatti ramadama. Diddaan kun kallattii Oromiyaa maraan jabaatee odeeffannoo waliif daddabarsaa yoo deeme humna guddaa ta’a.

Leave a comment