(Qeerroo, Finfinnee, 21/07/2012) Hiriirri mormii hawaasaa Muslimaatiin Maagaalaa guddittii Oromiyaa fi Afrikaa, Finfinnee, keessaatti eegalee jiru guyyaa kaleessaa, Adooleessaa 20/2012 haalaa baay’ee qaroominaa qabuu fi namaa hawwaatuun gaggeeffamee jira.
Yeroo ammaa kanatti qunnamtiin marti hedduu dhiphaa fi rakkisaa ta’u illee Qunnamtiin Qeerroo haala adeemsa hiriira mormii hawaasa Musiliimaa keessaa hanga tokko kunoo waraabee akka ummati keenya bakka biroo jiru hubatu yaalii gochaa jira.
“Haalli mijaa’aa miti; waan ta’eef kukunneedhuma mobila of harkaa qabnuun waraabuu dandeenyee jirra,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, karaa hundaan lammileen biyyattii waan naannoo naannoo isaatti ta’aa jiru waraabee akka tamsaasu illee dhaamee jira.
Akkuma beekamu diddaan hordoftoota amantaa musuliimaa daran jabaatee mootumma wayyaane raasaa jiru.
Haata’u malee hum,nooti Wayyaanee karaa dandeessuun gaaffii hawaasaa gara dhimma shororkeessummaatti dabasuuf yaalii gochaa jirti.
Akka kanaan yeroo ammaa kanatti miseensota koreewwan amantaa musiliimaa 17nuu keessaa saddeettana isaanii seera TEERARIZIMII tiin gaaffachuuf himannaa irratti dhiyeessitee jirti.
Yeroo ammaa kanas, namoota 8 koreewwan kana keessaa mootummaa wayyaaneen too’annoo jala oolanii akka jiran gabaasaan caasaa mootummaa keessaa argame kan addeessuu dha.
Namootni 8 kunis maqaan isaanii kanatti aansee kan jiruudha.
1.Sheek Makataa Muhee
2.Sheek Sultan Amaan
3.Ato Abubakar Ahmad
4.Kamal Shamsu
5.Jamaal Yaasin
6.Ahimadin Jamal
7.Ahmad Mustafaa
8.Sheek Taahir Abdulkadir kanneen jedhaman ta’uun beekamee jira.
Haata’uutii hidhaan kun ummata daranuu diddaaf kakaasaa jira malee, duubatti hin deebifne kan jedhu gabaasaan Qeerroo bakka addaddaa irraa nu gahaa jiru, “Haalli kun ummata amantaa kana hordfofan cinatti jibba guddaa uumuudhaan akka isaan diddaa isaanii itti jabeessan ta’eetu jira.” Jedhee jira.
Yeroo ammaa kanattis, shira barameen koreewwan jiran addaan babaasuuf yaaliin godhamaa akka jiru kan ibse gabaasaan Qeerroo, hawwaastis haala kana hubatee jabinaa fi ciminaan akka hojjatu dhaamee jira.
“Koreewwan hafan namoota 9nuu maaliif akka maqaan isaanii hin xuqamne, maalif akka hin yakkamin jiran gaaffii ta’e jira,” kan jedhan maanguddoon tokko, “kunis namoonni hafan kun mootummaa waliim hidhata qabaachuu isaanii shakkii keessa waan jiramuuf haala fuul-duree diddaa kanaa hordofaa deemuun barbbachisaa dha,” jechuun hawaasaaf dhaamanii jiru.
Akkasuma namootni 20 maqaa isaanii argachuu baannuyyuu maqaa addaa addaa, qarshii walitti buusuudhaan,deeggersa garagaraa jarroottan kanaaf gochaa jirtu jechuudhan too’atamanii akka jiran gabaasaan nu dhaqqabaa jiru ni addeessa.
Diddaa itti jabeessuuf uummanni musiliimaa ganamaa kana dhaamsa waliif dabarsaa akka jiran Qeerrooleenis gabaasanii jiru.