Haleellaan Loltoota Wayyaanee irratti Fudhatamaa Jiru Daran Jabaate. Qondaalli Poolisaa tokko Guyyuu Sabboontota hidhaa turee halkan ammo tarkaanfiin isuma irratti fudhatame. Diinnis Abdii Kutannaan Irra Gahe.

Adooleessa 21,2012 Giddaa
Tarnaaniif Adooleessaa 18,2012 galgalaa Poolisoota Wayyaanee 4 afur irratti tarkaanfiin maayyii fudhatamuu fi 6 ammoo akka madaayan gabaafnee turre, haala kanaan kanneen madaayanii hosptala galan keessaa eda Adoolessa 20,2012 hosptala keessatti raawwii irra gahuun dhagahame. Sochii humni addaa naannoo Buttujjii fi Giddaatti taasisaa jiru kanatti haalaan kan rifatee fi abdii kute mootummaan Wayyaanee namoota ABO gargaartuu fi humna addaa WBO waliin hariiroo qabdu jechuun guyyaa gaafa Adoolessa 19,2012 nama 18 qabee hidhuun haalana guraaraa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa. Kanneen Onaa Haroo limmuu irraa hidhaman keessaa
1. Addee Caaltuu Sanyii
2. Fiqaaduu wayyeessaa
3. lammeessaa Wayyeessaa,
4. Taasisaa Amanuu
5. Gurmuu Amanuu
6. Hundee Qana’aa
Warri jedhaman fi kanneen 12 hafan Bakka Abbaa Mo’aa magaalaa xiqqaa Buttuujjii irraa humnaan qabamnii gara dangaa warraa Gumuuz Magaalaa Kamishiitti hidhamanii gararaan guddaan irraa gahamaa jira. Dararaa kanaan haalaan kan miidhamte Adde Caaltuu Sanyii buufata fayyaa Horroo Limmuu jedhamu keessatti gatamtee tajaajila dhabaa akka jirtu gabaasi nu gahe addeessa.
Haala kanaan humni Addaa WBO eda halkan warra sabbootota adda durummaan hidhan keessaa tikaa fi qondaala poolisa Wayyaanee tahe nama maqaan Baayyuu jedhamu irratti eda halkan Adoolessa 20,2012 tarkaanfii fudhachuun meeshaa inni hidhatee jiru qabeenya humna addaatti dabaluu qeerroon naannicha irraa gabaasa
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Haleellaan Loltoota Wayyaanee irratti Fudhatamaa Jiru Daran Jabaate. Qondaalli Poolisaa tokko Guyyuu Sabboontota hidhaa turee halkan ammo tarkaanfiin isuma irratti fudhatame. Diinnis Abdii Kutannaan Irra Gahe.

  1. Akkana dubbiin. Akkuma Woyyaanonni tarkaanfii nurratti fudhataniin battalumatti haaloo ba’uu qabna.Tursuun diinaaf yaroo itti of jabeessitukennuu ta’a.

Leave a comment