Gaazexaan Fitih jedhamu akka hin maxxanfamne dhorkame

(Qeerroo, Finfinnee, 21 Adoolessa 2012) Yeroo ammaa magaalaan Finfinnee dhiphuu fi to’annaa guddaa jalatti kan argamtu yoo ta’u, qondaalonni Wayyaanees haala adeemaa jiru irratti walnyaachaa akka jiran beekame.
Keessayyuu, dhimma dhibee Mallas Zeenaa waliin walqabateen yeroo ammaa humnoota Wayyaanee qulfii ta’an gidduutti dhoksaan marii fi falmaan adeemaa akka jiru odeessi Qeerroo dhaqqabe ni adeessa.
Kana waliin kan walqabate maddeen oeeffannoo ummataa f dabarsan akka hin maxxanfamnee fi hin tamsaasamne dameen tikaa fi nageenyaa irratti hojjataa akka jiru hubatamee jira.
Karaa toora telefoonaa fi intarnetii sararri dhiphatee akka qunnamtiin laafu godhamuu kan saaxilan maddeen keenya humna telekomunikeeshiinii keessaa, kana malees, gaazexooti dhuunfaa otuu maxxansa isaanii ummataan hin gahiin akka ‘sansuuraman" mannneen maxxanaatti ajajni darbee jira.
Akka kanaan gaazexaan "fitih" jedhamu akka hin maxxanfamne dhorkamuun isaa beekamee jira.
Gaazexaa kun erga maxxanfamee booda akka hin tamaasamne kan dhorkame yoo ta’u, kanaafis odeeffannoo ciccimaan golee mootummaa keessaa bahan gulaalaa gaazexichaa harka seenuu isaaniitiin ta’uun himamaa jira.
Dhimma amantiiMusiliimaa waliinis kan walqabate diddaa fi fincilli ummataa guutummaa biyyattii keessatti babal’ataa akka jiru gabaasoti Qeerroo hubachiisaa jiru.

1 thought on “Gaazexaan Fitih jedhamu akka hin maxxanfamne dhorkame

  1. Chief Editorin Gaazexaa kanaa Temesgen Bekele torban kana waa’ee dhukkuba Mallasaa ilaalchisee qaamota motummichaa irraa argadhe jedhee barreeffami innibqopheessee fi haala waliigalaa biyyitti(Empiritti) irratti yaada furmaataa inni kaa’e tarii Wayyaanota dhuguma jeeqee jira jechuudhaa.

Leave a comment