Tarkaanfiin Diina Irratti Fudhatamu Itti Fufee Poolisoonni Wayyaanee 4 galaafataman,6 ammoo Akka malee madaayuun Hospitaala Galan. Ummannis Gammade.

Adoolessa 20,2012 Giddaa Ayyaanaa.
Adooleessaa 18,2012 galgalaa tarkaanfiin mayyii daran jaabaatee ittii fufuun pooliisota Feederaala Wayyaanee 4 galafatee 6 ammoo haalaan madaayuun humni addaa injifachuu qeerroon gabaase.
Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa Maagaalaa xiqqaa Buttuujjii jedhamuun beekamu kessaattii waraanaa mootummaa wayyaanee pooliisaa federaalaa humna Addaa WBO sakkaata’uuf qubsifamaan irratti humni addaa tarkaanfii fudhateen Poolisoonni Feederaalaa 4 battala hojii ala yeroo ta’an namni 6 ammoo madaayanii Hoptala Gimbiitti akka ergaman gabaasi nu gahe addeessa.
Poolisoonni humna addaa sakattaana jedhchuun naannichatti bobba’anii ummata hiraarsaa osoo jiranii humna sakatta’uuf deemaniin akka tasaa haleellaan irratti banameen kannen maqaan isaanii:-
1.Fisaa’aa Taarraaqenyi.
2 Zaalalem Waandimmuu,
3.Bayyanee Bertaa,
4.Zaalaleem Indeeshuu
Kanneen jedhaman tarkaanfiin maayyii kan irrati fudhatame yeroo ta’u warri hafan 6 ammoo du’aa fi jireenya jidduu akka jiran beekamee jira.
Haala kanatti kan rifate waraannii fi humni poolisa Wayyaanee ummata jeeqaa fi heddumminaan mana irraa qaqqabee akka jiru gabaafama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Leave a comment