Adoolessa 20,2012 Finfinnee
Guyyaa har’aa Adoolessa 20,2012 Diddaa hordoftoota amantaa musuliimaan wal qabatee Qeerroon waraqaalee adda addaa magaalaa Finfinnee irraa kaasanii bakkoota hedduutti maxxansanii akka jiran gabaasaan galgala kanaa addeessa. Waraqaaleen kunneen Finfinnee keessatti bakkooota Uummanni Oromoo heddummatee jiraatutti kan maxxanfame, kanneen akka Gullallee,Markaatoo,Shiro Meedaa,Kiiloo 6,Kiiloo 4, Saaris,Burraayyuu,Kaazanchiis,Faransaay,Qaallittii,faa yoo ta’u magaalota Bishooftuu,Adaamaa,Asallaa,Arsii Negellee,Amboo,Harar,Dirre Dawaa tti raabsamee akka jiru Qeerroon naannolee kanaa gabaasee jira.
Kana malees godinaalee akka Gujjii, Booranaa, Harargee Bahaa, Qellem,Wallagga Lixaa,Jimma,Illuu Abbaa Booraatti akka raabsamu copy fi print ta’ee baayyinaan godinaalee keessa akka tamsa’ee jiru gabaasi qeerroo nu gahe addeessa. Akkasuma godina Arsii Lixaa , Aanaa Adaabbaa, magaalaa isaatti barattootni waraqaa kana bittimsuu irraan kan ka’e milishoonni Wayyaanee aanichaa rifatanii akka waan humni addaa magaalicha seeneetti dhukaasa banuu isaanii qeerroon magaalaa sanii gabaasee jira. Waraqaan bittimsfamuu itti fufee, asii fi achi kaachuudhaan milishoonni wayyaanee halkan kana sa’a 2:00 irraa kaasanii sakatta’iinsa guddaa akka gochaaa jiran naannicha irraa gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan ni kufa!!