Adoolessa 18,2012 Aanaa Jaarsoo
Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti sochii diddaa sirna Wayyaanee irratti ta’aa jiru kan ammaan duraa irra daran babaldhatee jira. Ummanni Oromoo cunqursaa akkaaniin ukkamfamee jiru nu gahe gabrummaan jechuun godinaalee mara keessatti sochii fi diddaa muldhataa argamsiisaa jira. Haala diddaa Oromoon wal qabatee hordoftoonni amantaa musiliimaa sirna Wayyaanee mormuudhaan bal’inaan mormii kaasan mootummichatti yaaddoo ta’uu irra darbee gara kufaattii isa geessaa jira.
Akka kanaan gabaasi Aanaa Jaarsoo, godina Harargee Bahaa irraa nu gaheen , namootni maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffaman kun diddaa yeroo irraa yerootti Oromoon aanaalee keessatti muldhisaa turee fi yeroo ammaa magalaa Finfinnee keessatti karaa amantaa musiliimaan wal qabatee eegaleen warra adda durummaan diddaa ummataa fi sochii warraaqsaa kanneen qindeessitani jechuun poolisooti Feederaalaa argamuun qabamanii bakka buutiin isaanii hanga ammaa hin beekamiin jira
Gabaasi akka nu gahetti jarreen kun qabamanis sochii farra gabrummaa fi diktaateraa gochaa jirru duubatti nu hin deebisu jechuun hordoftooti amantaa musiliimaa godina san keessatti argamu marti diddaa kana naannichatti cimsuuf qophii irra akka jiran Qeerroon naannoo sanii gabaasee jira. Qabamuu namoota kanaa booda uummanni diddaa isaa itti cimsee akka jiruu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Maqaan namoota Adoolessa 17,2012 qabaman kunis :
1.Hawwaa Jaffaar
2. Mohaammad Ibraahim
3.Qamar Kadir
4.Sulxaan Abdii
Kanneen jedhaman yoo ta’u namoota diddaa kana jalatti hiriiran shakkiidhaan qabamaa jiran naannoo naannoo irraa hedduu akka ta’an gabaasi nu gahe addeessa
When Woyanes do something bad on us, we have to react properly and immediately.Jarri kun qabaman/dhabaman;ummanni oromoo hoo maal gochaa jira?