Adoolessa 17,2012 Jimma
Gabaasa Adoolessaa 16/2012 Godinaa Jimmaa Aanaa Deeddoo fi Sarboottii Hawwaasni musilimaa sagaalee mormii dhageessisuu jabbeessee itti fufee jira, mootummaan garboofataa, humnaa waraanaa polisaa federaalaa garaa Aanaawwaan kanaafi magaalaa Jimmaattii guuraa jira, kanaa malees tajajilaa bilbilaa fi marsaalee internetii network balleessuun ummata irraa mootummaan Wayyaanee quunamtii kutee jira. Sirni mootummaa TPLF ummata irraa sodaa guddaa keessaa seene network balleessuu toftaa, godhatee yeroo irraa gara yerootti haahojjetu malee diddaan ummataa fi haalli sochii warraaqsaa alanaa mootummicha hundee irraa akka buqqisu shakkii tokko hin qabu kan jedhu ummanni dubbata.
Diddaa hawaasi musiliimaa aanaa Deeddoo fi Sarbootti taasisan kana irratti gaaffiin ummataa inni guddaan,waayee mirga ummataa fi amantii yeroo ta’u dhadannooleen dhageessifamanis kan mirga hawaasummaa fi abbaa biyyummaa gaafachuu waliin wal qabatee mirgooti amantii akka kabajaman kan jedhutu keessatti argama.
Itti fufa gabaasa haala kanaa jala buunee dhiheessina