Godinaa Wallaagaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa namoonnii 18 ABO tti shakkamuun hidhaman.

Adoolessa 15,2012 limmuu
Haala tarkanfii gidduu kanaa diinaa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabsisuun Humna Addaa WBO ummata keessa galee jiru baasuu qabduu jechuun namotaa nagaa 18 humna poolisaa Federaalaan qabamanii Onaa Haroo limmutti Hidhaman, namotaa hidhaman keessaa ammatti maqaan namotaa murasaa nu ga’ee
1. Hundee Guutamaa,
2.Caalchisaa Amanuu,
3.Fiqaaduu Taasisaa
4.Amanuu Olaanii,
5. Yaadataa Qadiidaa
6.Hundarraa Lammii,
7.Tasfaayee Geetahuun
Kanneen jedhamaan kan keessaatti argamaan yeroo ta’u namoonni kun badii tokko malee ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtuu, ABO’n isiin keessaa dhokatee tarkaanfii nurraatti fudhachaa jira jechuun seeraan ala qabamanii kan hidhaman ta’uu gabbaasi nu gahe addeessa.

1 thought on “Godinaa Wallaagaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa namoonnii 18 ABO tti shakkamuun hidhaman.

Leave a comment