Barattooti Yuniverstii lrraa Eebbifaman Miseensummaa Wayyaaneef Dirqamaa jiran hin fudhannu jedhan

Adoolessa 15,2012 Finfinnee
Gabaasaa Shawwa Lixaa,Ona Dandii Magaalaa Jalduu irraa nu gaheen, yeroon yeroo itti barattootni mana barumsaa isaanii xumuranii gara mana isaaniitti galan ta’uu isaa akkuma beekame, barattootni eebbifamtoonni barruulee eebbaa isaanii (dokumantii) kan akka Tiraansikiriiptii harakatti qabatanii akkuma galan, mootummaan Wayyaanee hojii argachuun miseensummaa malee akka hin taane dursee beeksisa baasuun isaa Qeerroon magaalaa jalduu gabaasa, kana sababeessuudhaan dokumantiiwwan barattoota harkaa guuraa akka jiru, miseensa guuttan malee hojii argachuu akka hin dandeenye dorsiisa itti bane jiraachun isaa gabaasaan addeessa.
Kan biroon akkuma beekamu diddaa fi sochii fincila hordoftoonni amantaa Musiliimaa gochaa jiran aboota hedduu fi Qeerroo oromootiin deggeramaa akka ta’e akkasumas amantaa kan biro cinatti fudhatama akka qabaachaa jiru Qeerroon godinaalee adda addaa irratti waamicha godhaa akka jiran kalattaii garagaatiin gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Kunis yoo fudhanne amantaa biro waliin fudhatama akka qabaatuuf dhaadannoon amantaa musiliimaa masgiida Anuwaaritti guyyaa har’aa dhaadeessaa oolaniin; amantaa kamiinuu utuu hin qoodin waliin hiriiruudhaan tokkummaa horannee,harka wal qabannee yoo kaanee waraana wayyaanee mitii doorsisi waraana kamiinuu boodatti nun deebisu, kanaaf labsii tokkummaa amantaa biro waliin qabaachuu irratti qeerroon karoofatee guyyaa dhaamsota godinaalee maraaf dabarse irratti addeessee jira.
Karaa biraa sirna abbaa irree mootummaa Wayyaanee jijjiranii sirna demokraasii fi walabbummaa oromiyaa mirkaneessuuf jecha manni amantaa Makkaana Yesuu Dambi Doolloo irraa dhaamsi nu gahe akka jedhutti nutis sirna mootummaa abbaa irree jijjiruuf sochii amantaa mulsilimaa jalqaban waliin hiriirree ka’uuf kaayyoo keenya, kanaaf fincila keenya itti fufna kanaan wal qabsiisnee jedhchuun dhaamsa akka dabarfatan gabaasaan Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo addeessa.

Leave a comment