Adoolessa 14,2012 Dambi Dolloo
Diddaan godina Qellem,Aanaa Anfilloo,Ganda Yatti jabaatee akka itti fufee jiru gabaasaalee Qeerroo jidduu kanaati haala kanaan namooti 13 maqaa sochii ABO qindeessitu jedhaman hanga har’aa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru
Haala kanaan Adoolessa 12,2012 barattootni ganda Yattii keessaa daa’imman maatiin isaanii irraa mana hidhaa galan kanaaf gargaarsa gochaa akka oolan Qeerroon Anfilloo gabaasa. Daa’imman kunis kan maatii nama 4 nyaataa fi waan barbaachisuun itti dirmachuun isaanii gabaasaan addeessa., Waliif biramachuu fi tin’isuun kunis kan yeroo tokkoon dhaabbatu qofa osoo hin taanee itti fufiinsaan kan ta’uu qabu ta’uu ummanni waliif dhaame. Kana malees rakkoo mootummaan Wayyaanee qote bulaa naannoo sanii irraan gahaa jirutti dammaquudhaan fincila diddaa gabrummaa itti fufnee waliif furmaata ta’uun keenya kan itti fufu ta’uu isaa dargaggoonni gandichaa waadaa waliif seenuun gabaafama.
Kana malee waraana Wayyaanee ummata keessa fiduu fi ummata saaxilee kan hiisisaa ture milishaa gandichaa kan ta’e nama Katamaa Faradee jedhu irratti humni hin beekamiin tarkaanfii maayyii irratti fudhate bakki itti tarkaanfiin kun ta’e zoonii WBO ykn lafa sitrateejii WBOn qabatee yeroo dheeraaf keessa ture gaara “AAWUNJI” jedhamu keessatti akka ta’e gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.