(Qeerroo, Finfinnee, 14 Adoolessa 2012) Warraaqsi mirga amantii kabachiifachuuf hawaasa Musiliimaatiin adeemsisamaa jiru qaama qabsoo Bilisummaa fi namoomaa waan ta’eef diddaa fi fincila sirna Wayyaanee irratti gaggeeffamaa jiru karaa hundaan kan deeggaran ta’uu Qeerroon godina Jimmaa keessa socho’an beeksisan.
Qeerroon Oromiyaas bakka jiranitti sochii ummataa kana cina hiriiruun akka umurii abbaa irree dhabamsiisuu keessatti qooda isaanii bahatan waamichi darbee jira.
Haala yeroo ammaa biyyattii keessatti adeemaa jiru qorachuun waamicha kan dhiyeessan Qeerroon godina Jimmaa, dhimma amantii kanaan dahatamee balaa fi gaaga’ama ga’u kamiifuu kan itti gaafatamu sirna Wayyaanee loogii sanyummaa fi amantii gaggeessu ta’uu illee dabalanii beeksisanaii jiru.Guutummaan Waamichaa Qeerroo Godinaa Jimmaas kan armaan gadii ti!
Waamichaa Qeerroo Godinaa Jimmaa
Haala Yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessatti adeemaa jiru gamaggamuun Qeerroo Bilisummaa godina Jimmaa keessa socho’u waamicha kanaa gadii baasee jira. Qeeroon waamicha kana yeroo dabarsu, dhimma amantii keessa galuuf otuu hin taane, diddaa fi fincila ummataaf kabajaa qabu ibsuu fi sirna nama nyaataa Wayyaanee buqqisuu keessatti gahee sagaleen ummataa qabu hubachuun ta’uu dursee ni hubachiisa.
Haala kanaan diddaa fi fincila adeemaa jiruu fi sochii hordoftonnii amantaa musilimaa gochaa jiraan Qeerroon ni deeggaraa;cinaas ni hiriira.
Kana malees Qeerroon:
1. Mirga amantii hundaa dhiibbaa mootummaa abbaa irree jalaa walaabaa ta’ee akka ijaaramu ni deeggarra.
2. Amantaan amantaadhaa malee mootummaa miti; Dimokiraasii dhugaan uummataa biyyattii hundaaf dhugoomuu qaba.
3. Mirgi namommaa fi dimokiraasii kabaajamuu qaba.
4. Hidhamtonnii siyaasaa biyyaattii hatattamaan hiikamuu qaban.
5. Goolii Paarlaamaa saba bicuu Tigiraay qofaa irraa ijaaramee mirga lammiilee sarbaa jiruu atattamaan diigamuu qaba.
6. Humni poolisii fi humni waraanaa gartuu siyyaasaa irraa bilisaa ta’ee mirgaa lammiilee kabachiisuu irraatti xiyyeeffachuu qaba; yoo
kanaa ta’uu baatee mootummaa abbaa irree wayyaanee waajjiin kan baduu waan ta’eef kanaa ilaalchaa keessaa galchuu qaban.
Kanaaf, FDG’n jabaatee yoo itti fufee abbotii irree aangoo irrattii ciccaa jiraan aangoo irraa ariinee Ummaanni Mootummaa Dimokiraatawaa akka hundeeffatu waamicha keenya ni dabarsina.
7. Qeerroowwaan Gutummaa Oromiyaa keessaa fi alaa jirtaan yeroo kanaatti bakka jirruu tokkuummaadhaan FDG bifotaa garaagaraan
qabsifamee jiruu keessaattii hirmaachuun umrii abbaa irree haa gabaabsinu!!
-Tokkummaan haa kaanuu.
– Ummataa Oromoo hundaaf,
– Sabaa fi sab-lammotaa biyyaattii hundaaf.,
– Humnaa poolisaa biyyaattii hundaaf,
– Humnaa ittisaa\raayyaa waraanaa\biyyaattii hundaaf,
Injifannoon U/Oromoof.
Gadaan gadaa Bilisumaati
Adooleessaa 14/2012 ,Qeerroo Godina Jimmaa