(Qeerroo, Finfinnee, Adoolessaa 14,2012) Hawaasti Musiliimaa Magaalaa Finfinnee naannoo Masgidaa Anuwaar fi Awaliyaatti Dilbata kaleessaa, Adoolessa 13, 20012 hiriiraa mormii guddaa dhageesisan; namooti hedduus to’annaa jala oolan.
Wayitaa walgahiin Afrikaa Magaalaa Finfinnee keessaatti egaalame jirutti uummaanni Amantaa Musilimaa hordofaa jiruu sagalee mormii dhageesisaa jiraachuun haalli naannoo Finfinnee jiru hedduu akka dhiphuu keessa seenu godhee jira.
Akka gabaasaan keenya bakka addaddaa irraa hubatetti, hordoftonni kun Motummaan Wayyaanee dhimmaa isa hin ilaallanne keessa seenuu mormanii jiru.
“Mootummaan dhimmaa amantaa keenyaa keessaa seenuun amantaa keenyaa digaa jira,” kan jedhan hordoftooti amantii Musiliimaa, mootummaan gochaa kanaa irraa akka of qusachuu qabu illee dhaamsa dabarsanii jiru.
Gaaffileen hawaasa kunneen leellifamaa jiranis, “Hoggantotaa Amantii keenyaa mootummaan maaliif nu filaa? Nutu filataa malee, ?jechuun amantaan keenyaa nuf haa kabajamuu,?” kan jedhan mormitooti kunneen, ” hoggantoti, bilisa ta’an akka seeraa amantaa keenyaatti nutu filata malee warraa mootummaan nuuf filatu hin fudhannu,” jedhanii jiru.
Hirriira kana irratti mormiin dhagayamaa jirus, “hoggantotaa mataa keenyaa ofii keenyaan ni filannaa, mirgi amantaa keenyaa kabajamuu qaba, mirgi keenyaa kabajauu qaba,” fi kkf ta’uun hubatamee jira.
Hoggaantonnii duraanii namoonnii lamaa humnaa tikaa wayyaaneetiin qabamanii, sochii uummataa sodaachuun battalumatti gadi gadhiisan.
Kun kanaan Otuu jiruu, Qeerroon Bilisummaa dhaamsa dabarseen sochii fi warraaqsa ummata daran jabeessuuf fincila hawaasti amantii Musiliimaa hordofan qabsiisaa jiran cina hiriiranii akka mormii fi sagalee isaanii dhageessisan hubachiisee jira.
Mormii magaalaa Finfinnee fi naannoo ishiitti halkan edaa eegalame keessattis qeerroon qooda fudhachaa akka jiran kan hubachiise gabaasaan Qeerroo, bakka addaddaattis ummati walqabatee akka ka’u dhaamsa daddabarsaa jiru.
Mormii ummataan kan baarage mootummaan Wayyaanees, hidhattoota bakkaa bakkatti facaasuun waraana ummata kana waliin eegaluuf meeshota lolaa hidhachiisee, magaalaa Finfinnee keessa dirree lolaa fakkeessee jiraachuun isaa kan ifa ta’eedha.
Raafama aangoo gadi dhiisuu irra waan jiruuf diddaan qabates jabaatee kallattii adda addaa irraan waan eegalee jiruuf abdii kutannaa keessa galee jira.
Dubbiin karaa musiliimaa ka’aa jiru kunis daran jabaa akka ta’e Qeerroon hiriira kana musiliimota waliin ka’aa jirus dabalata gabaasee jira.
Dhukaasnis Uummata Musiliimaa irratti halkan kana akka eegale dhaamsi telefoonaan nu qaqqabaa jira. Sodaan mootummichaas baayee itti jabaachaa dhufe.
Ummannis sodaan waraana wayyaanee kan itti dhaga’amu osoo hin taanee wal dadammaqsaa, hunduu wal duukaa akka ka’u godina garagaraattis waliif bilbiluudhaan hiriirri kun guutuu biyyattiittii akka qabatu taasifamaa jira.
eeyeen yaa jaallan oromoo dubbiin kun dubbii qabatamaaf mula’achaa jiruudha. yeroo ammaa kana quufaan humnni abba irrummaa mootummaa wayyaannee uummata gidduu seenee dhimma amnatiin uumata nagaa walitti buusuuf yaalii hedduu gochaa ture kuni aangoo bara bittaa isaa dheerefachuuf jecha. ta’us uumati tooftaa ishee kana baruun guyyaa kaleessaa irraa ka’uun fincila isaa dhageessisaa jira kanaaf nuun ilmaan cunqurfamtootaas toora kana qabachuun falmmii kana cina dhaabbannee fdg jaalan keenya darbaniin jalqabame itti fufsiisuun nuun ilmaan oromoo irraa eegama.