Adoolessa 14,2012 Naqamte
Godina Wallaggaa bahaa Magaala Qeelloo keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo Meeshaa waraanaa qabdu jechuun sakatta’insa irratti bobba’ee diddaa ummataan kan abdii kutataa jiruu fi haleellaan adda addaa irratti fudhatamaa jiru abdii kutannaa irraan ganda ummataa keeessa deemee shamarran Oromoo umriin isaanii hin geenyee fi maanguddoota abbaa manaa irraa hidhuun dirqiin gudeedaa akka jiru gabaafame. Gabaasi akka nu gahetti hanga ammaa magaala kana keessatti Shamarran Oromoo
1. Tujubee Amanuu shamarree umrii 15
2. Lalisee Gammachuu shamarree umrii 13
3. Aadde Daadhituu Wayyeessaa abbaa manaa ishii irraa hidhuun
Kanneen jedhaman yeroo ta’u, waraanni Wayyaanee kun ilmaan Oromoo irratti daba dalagaa jiran dhaabsisuuf Oromoonni bakka hundaa lammummaan itti dhagahamu sagalee isaa akka dhageessisu Qeerroon naannoo kanaa dhaammata.
Gama biraan Oromiyaa keessatti diddaa adeemsifamaa jiruun mootummaan Wayyaanee hedduu kan sodaate sabboontota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Magaala Finfinnee Buraayyuu keessatti dhaabbata Mit-mootummaa ijoollee guddisan keessaa kan hojjetu Dargaggoo Hundumaa Bantii jedhamu qabuun mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti ukkaamsan darbanii jiru.Hidhaa fi ajjeechaan Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru yoomuu ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa irraa duuba akka hin deebisne kan wallaale mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa Qeerroon yakkee hidhuu itti fufee jira.Qeerroon Biyyattii keessatti gaaffii mirgaa hanga maayiitti gaafachuu irraa duuba akka hin deebine mootummaan Wayyaanee beekuu akka qabus bakkoota adda addaatti beeksisanii jiru.
