Adoolessa 14,2012 Giddaa Ayyaanaa
Adoolessaa 13/2012 guyyaa guyyaa keessaa sa’atii 9:00 irrattii Bakkaa Yaasoo jedhamutti konkolaataan waranaa Wayyaanee fe’ee kan deemuu tokko gubate, sababaa Humna Addaa WBO sakkatta’uuf jedhuun kan bobba’e waraanni Wayyaanee naannoo Yaasoo akka gahaniin konkolataa dhaabanii nyaata laaqanaaf jecha konkolaataa irraa harca’anii akka deemaniin Humni Addaa godina Dhihaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu, konkolaataa waraanaa Wayyaanee dhabattee jirtuttii Ibiddaa itti qabsiisuun konkolaaticha gutummatti kan barbadaaye ta’uun gabaafame, waraannii Wayyaanee haala kanaa wareeruun dhukaasaa of irraatti dhukaasaa ture, namaa sammuun isaa dhukkubuu/maraataa/kan ta’ee nama maqaan Amanuu Badhaasoo jedhamuun situu gubee jechuun rasasaa lamaan millaa jalaa rukkuchuun qabanii fuudhanii deemuun gabaafamera.
Gama biraan Adooleessaa 10/2012 Godina wallaggaa Bahaa Onaa Heebantuu magaala Qeelloo bakka kuufama meeshaa waraana Wayyaanee dhoksaa kan ta’e irraatti tarkanfiin fudhatameen meeshaan sadii tonnaa humna addaa jala ooluu gabaafame .