Adoolessa 12,2012 Dambi Doolloo
Diddaan Uummata Qellem,Anfilloo, ganda yatti-Koonqii jabaatee itti fufee jira. Yeroo dhiyoo barattootaan sochiin eegalee jiru manabarumsa sadarkaa 1ffaatti hamma amma mootummaa Wayyaanee raasuudhaan karaa Sudaan ABO tu dhufee sababaa jedhuun waraana isaa gara sanatti fe’aa akka jiru Qeerroon Anfilloo irraa gabaasa.
Haaluma kana waliin namoota sochii ABO fi fincila diddaa gabarummaa qindeessitu sababaa jedhuun gaafa Adoolessa 09,2012 sabbboontota 13 mana hidhaatti guuree jira
1.Obbo Baatii Xilahuun
2.Qote Bulaa Gaaromaa Hambis
3.Barsiisaa Ijjiguu Froomsaa
4.Obbo Gechee Araggaa
5.Moosisaa Abdiisaa
6.Barsiistuu Tsaahaayi Abiyoot
7.Bulaa Taarikuu
8.Saamu’eel Lammaa
9.Hiikkaa Abdallaa
10.Siraaj Boginoo
11.Booboo Iddoosaa
12.Geetahuun Shifarraa
13.Giiftii Suraafel
Warren jedhaman kun maqaa ABOtiin yakkamanii mana hidhaatti guuramaa akka jiran gabaasaan isaa addeessa. Akka gabaasaan kun nu gahetti uummanni naannichaa nyaata tokko malee akka jirutti guyyaa lamaa asitti hojii isaa dhiisee karaa cufee halkan kana xiqqaa guddaa ,dhiira dhalaa,jaarsa jaartii utuu hin jedhin hunduu karaa irratti bobba’ee diddaa isaa muldhisaa akka jiru gabaafama. Kana malees dhaadannoo fi sirbi goototaa barattootaan itti fufee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Namoota jara kana hidhuu keessatti qooda qaban maqaa isaanii utuu saaxil nuuf baastanii gaarii ture.