Adoolessa 12,2012
Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa Ganda Gandaa naannoo Dirree Guddaa Baqoo keessatti Adoolessa 11,2012 waraanni Federaala Wayyaanee dura taa’aa ganda kanaa Obbo Gabayyoo Gammadaa fi Barreessaa gandaa Obbo Amsaaluu Amanuu jedhaman uummata meeshaa waraanaa dhoksaan qabu osoo beektanii gandoota keessa dhoksitanii jirtu,about ganda ofii bulchitan keessa jira.Dargaggoonni Oromoo maqaa Qeerroon qindaayanii mootummaa irratti ka’anii waan jiraniif gargaarsa kennaa jiru kanaaf ifiifuu isin yakkamtoota jechuun jieenya isaanii fi maatii isaanii irraa qabanii mana hidhaatti dabaranii jiru.
Yeroo ammaa kana aanaa Giddaa keessatti ummannii fi poolisi Federaala Wayyaanee hudhanii waan walqabaa jiraniif jecha,milishootiin gandaa ummmata irra goranii dhukaasa waraana Wayyaaneetti banuun naannichi hanga yeroo ammaatti jeequmsa keessa galee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.