Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeeroo Finfinnee
Adoolessa 9- 10,2012 Qondaalonni Wayyaanee miseensota isaa waliin barsiisota diddaaf shakkaman walitti waamuudhaan wal gayii mata duree gamaggama hojii bara 2004 fi Haaromsa bara itti aanuu godhachuudhaan adeemsisaa turan irratti milkomina dhabu irraan kan ke’e ammoos Wal gayiin kun torbee tokkoof akka gaggeeffamu ta’ee jira. Wal gayiin kun bakki inni itti gaggeeffamaa jiru Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u
Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo jedhaman warri walgai kana gaggeessan keessaa:-
1.Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;
2.Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;
3.Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakkaa fi dabbalee Wayyaanee olaanaa akka ta’an beekame.
Yaanni Qoondaalota Wayyaanee kanaas inni bu’uura ta’e barsiisota diddaan irraa mul’atuu fi kanneen dhalootaan Oromoo ta’an hidhatan ABO waliin qabu sababa jedhuun gamaagamanii hojii irraa arihuu sababaa jedhu akka ta’e ifatti beekamee jira. Adoolessa 10 walgahii godhan irratti gaaffiin barsiisota irraa ka’es waayee mirga dhala namaa fi qaalawina jireenyaa irratti akkasumas sabboonummaan namaa biyya Ethiopia keessatti yakka akka ta’ee waan jiruuf mootummaan imaamata isaa kana hamma bara meeqaatti itti fufuuf deema kan jedhu ture. Garuu deebiin isaa hamma ammaatti hin jiru,kanaaf sirni bulchiinsa amma biyyi ittiin bulamaa jirtu nuuf haa jijjiiramu,jehuudhaan gaaffii yaada kaasuun ummanni galmatti walitti qabame hundi iyya garmaleetiin galma walgayiin sun itti gaggeeffamaa ture jeeqanii ergamtoota mootummaa Wayyaanee kana yeellasiisan, kunis Qoondaalota kana hedduu aarsuudhan miseensota isaa waliin mooricha keessa kan jiru marti jechoota sansakaa fi kabaja barsiisotaa dhiibu, salphisu dubbachuu fi arrabsuudhaan ofi irroo fi olaantummaa qaban muldhisaa akka turan beekame.
Haala kanaan barsiisoonni sabni martuu sirboota siyaasaa sirbuudhaan,kaan immoo yeroo walgayii sanatti rafuudhaan, sagalee adda addaa moobayila irraa dhageessisuudhaan, kaan immoo kitaabolee fi gaazexaa dubbisuu itti jabeessudhaan wal gayiin Wayyaanotaa kun akka feshelatu godhanii jiru. Walgayiin kun hamma furmaanni tokko argamutti torbee dhufus itti fufuu qaba jedhamaa jira.