Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Ummata meeshaa hikkachiisuu fi sababaa humna addaa WBO sakatta’uu jechuun waraanni Wayyaanee Adooleessaa 7,2012 Sakkata’insaaf Onaa Giddaa bobba’ee ture, haaluma kanaan polisonni fi waraanni Wayyyanee bobbaafaman uummataa sakkataa’aa turanii meeshaa waraanaa kan jedhamu homaa dhabuun akka meeshaan hin jirre gara Federaalatti gabaasan. Mootummaan Federaalaa utuu uummaannii meeshaa waranaa hidhatee nu lolaa jiruu beekaa irraa hiikuu dhistaan jechuun, amantaa irraa dhabee, poolisii federalaa humna guddaa kan nama Assaaffaa Gennetii jedhamuun hogganamu kan sirnichaaf sakkatta’insaaf si’a 2ffaaf bobbaase, Sana boodaa Onaa Giddaa Ayyaanaa bakkaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamutti milishonni gandaa isiin eenyuu taatanii ummata naannoo irra deddeebitanii sakattaatuu?! Roorroo irratti roorruu nutti fidaa jirtu jechuun dhukaasaa Poolisoota Federaalaa irraatti banan, sana boodaa milshotaa gandaa fi Poolisaa Federalaa Wayyaanee waliin walitti dhukaasnii sa’ati 3:00 oliif polisotaa Federalaa irraa nama 5 battalatti ajjeefaman isaan keessaa namni tokko dhalootaan Gumuzii dha. kan dhalotaan Guumuz ta’an namonni 5 ajjefamani, tokko ammo haalaan madaa’e.
Haalli kun kanaan osoo hin dhaabbatiin guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisoota Federaalaa naannoo sanitti hedduminaan guuruun milishoota gandaa san barbaacha waan bobba’ee jiruuf ummanni diddaa isaa muldhisaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa. Hordoffiin gabaasa guutuu gama fuula duraa dhiheessina
Poolisoonni federalaas taanaan guyyaa tokko walitti dhukaasuu malu. Ummanni Oromooummattoota cunqurfamoo akka ummata Gumuz diinummaadhaan ilaaluu dhiisee mala adda addaan ofitti qabuun Woyyaanee irratti kakaasuu qaba. Maaliif yoo jenne qabenya ummata cunqurfamaa kanaa saamaa ka jiru Woyyaanee malee oromoo miti.