Barataan Dhalootaan Tigraay Ta’e Tokko Mooraa University Jimmaa Keessaatti Gamoo Irraa if Darbatee Caccabe.

Adoolessa 10,2012 Jimma
Universiy Jimmaa keessatti Adoolessa 08,2012 irraa kaasee ibsaan doormii barattoota irraa dhaamuun dukkanni dhuunfatee jira,barattooti galgala waan ittiin qayabatanis ta’e ifa argatan waan hin jirreef moorichi cal jedhee jira. Tikii fi humni poolisa Wayyaanee barattooti Oromoo fincila diddaa gabrummaa kaasuufi sababa jedhuun mooricha keessaa fi alatti eegumsa jabeessanii jiru, gariin ammo mooraa keessa uffata sibiilii uffatanii barattoota keessa garmaamu.
Haala kanaan Adoolessa 09,2012 galgala barataan dhalootaan Tigree ta’e Dajanee Habtuu muummee Medicine kan baratu ibsaan dhaamee dukkanni mooricha dhuunfachuu irraan halkan gamoo mana barnootaa san irraa of darbee guututtu qaami isaa hunkutaayee caccabuun Hosptala galee jiraachuu qeerroo ngabaasa.

Leave a comment