Adoolessa 06,2012 Diddaa Ayyaanaa
Adooleessaa 5,2012 ganama( barii barraaqaa ) Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Humni hin beekamiin Godina Lixaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu Qabeenyaa Dabbalotaa Wayyaanee Ibidaan barbadeesse.
Dabballota Wayyaanee namota maqaan isanii Abajjee Xilaahuu fi Isxeefaanos jedhaman daldaltotaa Midhaan nyaataa fi Zaayitaa kan ta’an kan dhalotaan ilmaan habashaa ta’an, gamtaadhaan magaazanaa tokkichaatti daldalaa kan jiranii fi qaabeenyaa Uummaataa Oromoo saamaa kan jira, mootummaan Wayyaanee carraa daldalaa ilmaan Oromoo dhorkachuun daballotaa kanaaf Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Mandaaraa 11ffaa jedhamuun beekamuutti mana kusaa midhaan nyaataa fi Zayitaa walitti qabuun gara kaabaa nannoo Tigiraayii fi Amaharatti dabarfamee kan gurguramuu kana qabeenyaa isaanii mana kuusaa Midhaanii(magaazaana) midhaan tilmaamaan kuntaalaa 800 ol kan ta’uu kan kuufatee jiruu humni Addaa kun Ibidaan barbaadeessuu gabaasi Qeerroo gahe addeessa.
akkas aaga dhagahaa bilisummaa keenyaa mootummaa halagaa irraa kadhaa fi parilamentii keessa taa’uun utuu hin ta’iin karaa adda addaa tokkummaan mootummaa diinaa fi jala deemtota irraatti tarkanfii fudhachuun qixa sirrii waan ta’eef itti haa jabanu
nagaatti
G3
Ibidda akkuma nukileerii meeshaa waraanaa cimaa goonee ilaaluu qabna. Qabeenya diinaa oromiyaa keessa jiru kan ibiddaan baduu danda’u ibdiddaan mancaasuun lafa keenya qulqulleessuu fi diina irra kisaaraa geessisuu qabna.