Adoolessa 06,2012 Mi’eessoo
Bara Mootummaan wayyaanee aangootti ba’ee dargaggootni oromoo hidhamaa,reebamaa fi saamamaa turuun ni yaadatama.Mootummaan Wayyaanee shira ilmaan Oromoo irratti dalagu daran jabeessuun Godina Harargee Lixaa Mi’eessootii dargaggoota Oromoo Adam Ibroo fi Abdii jedhaman Adoolessa 05,2012 maqaa miseensota ABO ti jedhuun yakkee bakka buuteen isaanii dhabamanii jiran.Dargaggootni kunneen hojii mataa isaanii hojjechaa kan turan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo gara waraana ABO ergitu jechuun yakkanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Warri dargaggoota kanneenii bakka buutee ijoollee isaanii dhabanii hedduu cinqamuu irratti argamu.
Karaa gara biraa Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa kiiraamuuttii diddaan baratotaa Oromoo M/b Kiiramuu sadarkaa 2ffaa fi Prepatoorii jabaatee itti fufee,
Adoolessaa 5,2012 Cufinsa Mana Barumsaa Kirraammuu sadarka 2ffaa fi Preparaatorii irraatti gotonnii baratootaa Oromoo sirbotaa gotummaa fi jajjabinaa Qabsoo faarsuun lukkeelee garaa gubaan, sirbootaa Gootitti Oromoo Ilfinesh Qannoo fi Ebbiisaa Adunyaa,fi kan Hangaatuu fi Kumalaan waliin sirban wal harkaa fuudhanii sirbuun maatii baratoota sirna cufinsa M/B kanaa irraatti argaman ittiin bohaarsani diinaa garaa guban.