Gabaasa Qeerroo Adoolessa 2,2012
Oromiyaa keessatti tarkaanfiin Ergamtoota mootummaa Wayyaanee fi namoota qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbatanii farra qabsoo ta’aa jiran irratti jabaataa dhufee jira.Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu keessatti Kaabineen barnootaa kan tahe Margaa Baayisaa Mokonnon barattoota Oromoo hidha abbayyaaf buusii buusuu qabdu,hin buustan taanaan bara dhufu hin galmooftan jechuun barattoota mana barumsaa keessatti yoommuu cinqu barattootni Oromoo mana barumsaa kanaa buusii uummatni Oromoo buusaa ture bakka deeme iyyuu ni gaafanna jechuun Adoolessa 1,2012 ergamaa Wayyaanee kana reebanii jiran.Mootummaan Wayyaanees reebamuu nama isheen gadduun barattoota Oromoo mana hidhaatti guuruuf oliif gadi fiigaa jiraachuun beekame. FDG haala kanaan jabaatees itti fufee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.