Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin diina irratti fudhatamu daran Jabaachuun Ajajaan shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan fi Ahamed(Waddoo) Usmaan irratti tarkaanfiin maayii fudhatame

Adoolessa 2,2012 Gabaasa Qeerroo Wallagga

Tarkaanfiin diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamu Oromiyaa keessatti daran jabaachaa dhufuun Godina Horroo Guduruu Wallaggaaa aanaa Amuruu magaala Amuruu keessatti jala deemaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa,amanamaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe Poolisii Ajajaa shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan jedhamu irratti Tarkaanfiin maayii fudhatame.Jala deemaan mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa Fincila diddaa Garbummaa 2006 magaala kana keessatti qabsiifame irratti barattoota oromoo rasaasaan rukkutaa kan turee fi waajjira Poolisii keessatti reebichaan dararaa kan ture dha.Kana malees ilmaan oromoo ragaa sobaan isin Miseensa ABO ti jechuun mana hidhaatti naqaa kan ture amanamaa mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe irraa ka’uun tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee jira.Uummatni magaala Amuruu fi naannoo kanaa tarkaanfii kanaan hedduu kan gammadanii fi sirna awwaalchaa isaas lagatanii jiru.

Wwayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa tarkaanfii kana kan raawwate isini jechuun qabuun dararuu jalqabanii jiran.Dargaggoo Oromoo Biqilaa Warquu ati keessa beekta baasi jechuun qabanii reebichaan dararuu irratti argamu.

Kana malees gaafa  Waxabajjii 28,2012 Godina wallaaggaa Bahaa Onaa Hammuruutti Tarkaanfiin keessaa deebii hin qabne lukkeelee diinaa namaa yeroo dheeraaf ummataa dararaa turee fi bara 2008 FDG baratota Oromoo keessaatti barataa Jireenyaa Raggaasaa Ajjeese poolisii Wayyaanee nama maqaan isaa Ahamed(Waddoo) Usmaan jedhaamuu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame, poolisiin kun nanno jijiratee shira diinummaa dalagaa kan tureefi yeroo ammaa kanaa Onaa Hammuruuttii deebi’uun gochaa diinummaa dalagaa utuu jiruu tarkanfiin kun irree ummataan irratti fudhatame jira.

Godina kana keessatti uummatni diddaa daran kan jabesse yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee miseensota isaa yakkuun maqaa qorannoon rakkisuu jalqabe.

Leave a comment