Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Hordoftoota amantaa Musliimaa Hidhaan dararaa jira

Adoolessa 2, 2012, Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu Kamisee fi Tuujjee keessatti namoota hidhuun hiraarsuu irratti argama.Aanaa Mattuu Kamisee keessatti Imaamni masgiida Kamisee Sheik Saaleh jedhaman mootummaa wayyaaneen qabamanii kan miidhaan garaa garaa irra gahaa jiru yoommuu tahu namootni gaaffii mirgaa mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan mootummaa wayyaaneen ukkaamsamuu dararamuu irratti argamu.Aanaa kana Keessaa namootni hedduun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu Obbo Zeenuu Abdallaa kanneen keessatti argamu.Diddaa jabaan mootummaa wayyaanee uummata irraa kan isa mudatee fi Uummatni wal gahii kan lagate yoommuu tahu mootummaan wayyaanee diddaa kana jala dhaabbachuuf waraanaa fi dabballoota hedduumminaan bobbaasuun uummata jeequu irratti argamti.Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Arsii,Baalee fi Finfinnee keessatti uummata dararaa turuu fi itti jiraachuun isaas ni yaadatama.

Leave a comment