Oduun Australia irraa marsaa Qeerroo dhaqabe akka addeessutti mootummaan Wayyaanee ergamtoota isaa biyya alaatti ergee akka reebsise addeessa.
Hawaasa Oromoo fi Ogaadeen mootummaa Wayyaanee irraa dheessanii biyya Australia mgaalaa Melboure qubatan adda adda qooduu fi maqaa investmentn jedhuun baqattoota biyyatti deebisuuf ergamtoota isaa yeroo ergu Adoolessa 1,2012 salphinni guddaan isaan hin eegiin magaala Melbourne jedhamu keessatti akka isaan mudate gabaasi nu gahe addeessa.
Gootonni ilmaan Oromoo fi Ogaadeen akka kaanniisaatti ergamtooti kun Hotel itti walgahii qopheefatani turanitti gurmuun deemuun tokko tokkoo ergamtootaa fi kanneen jala deemtota isaanii ta’anii hawaasa keessa riphanii turan irratti reebichaan salphina goonfachiisanii naannoo sanii arihuu fi walgahi isaa qopheefatanis Poolisa mootummaa Australian guutummaatti akka haqamu taasifamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Ergamtooti Wayyaaneen kanneen irree hawaasaan salphatanii arihaman keessaa gariin
- Judanadiin Saaddoo gaafatama ykn Minster Civil Service
- Abdulaziz Mohammad Itti aanaa President Caffee Wayyaaneen dhaabdee
- Markos Tekle Rik dhalootaan nama Sidaamaa kan ta’e ambassador Wayyaanee Japan
- Graham Romanes Consul General biyya Australia itti
- Fezel nama jedhamu hawaasa Oromoo diiguu irratti biyya alaatti nama ramadame
Yeroo ta’an , Haala hiriirri sun itti turee fi TV channal 7 jedhamu kan biyya san keessaaa gabaase akka armaa gadiitti argattu.
Excellent work ,keep going!
DIINA tokkummaan irree ufii agarsiisuun akkas!kuni muuxannoo biyyotabiroofis kan dabarsu dha bilisummaan orommoo qeerroo keenya waliin ta’uun ni mirkaneeffana
G3
Saroota akkas qaanessuun itti jabaatee haa fufu. Kan Juniddiin saaddoo