Oduu Waxabajjii 29,2012 Asoosaa irraa nu gahe akka addeesstti Mootummaan Wayyaanee lafa uummata biyyattii investerootatti gurguruun uummata biyyattii keessaa hiyyummaaf saaxilaa,mana dhabdee taasisaa kan turee fi har’as itti jiru tahuun isaa beekamaa dha.Uummatni Beenishaangul Gumuz aanaa Maa’oo Koomoo keessatti argaman lafa keenya investerottaaf hin kennitu jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiru.Hojjettoota mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun lafa uummataa qabeenya investerootaa taasisan uummatni itti seenuun arrabsuu fi qaanessuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanees wal gahiif uummata walitti qabus uummatni mootummaan kun saamtuu dha,hattuu dha jechuun ifaan dubbataa jira. Godina Matakkal jedhamu keessattis diddaa wal fakkaataan mootummaa wayyaanee mudatee jira.Mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana dhibbaan lakkaa’aman magaala Asoosaa galchaa jira.
Kana malees Zoonii Oromiyaa keessatti Waxabajjii 27/2012 Hooggantotaa OPDO fi bulchiitonni Onaa Heebantuu fi Haroo limmuu tiin hojii irraa arii’atamuu qofaa mitii ni hidhamtuu qabeenyaan keessaanis mootummaadhaan akka dhaalamuu ta’aa jechuun gareen Wayyanotaan hoggaanamuu kan humni tikaa Wayyanotaa Godinicha kan maqaan isaa ‘Shallaamaa’ kan jedhamuu fi Geetachoo Gammadaa itti gaafatamaa Poolisii Go/Wal/bahaa kan ta’aan humna poolisaa Federaala deeggaramanii yeroo ammaa kanaa rakkoo keessaa lukkeelee sakkataa’uuf bobba’an lukkeelee dorsisaa jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ammaa kanaa waldhibdeen cimaan keessaa OPDO fi dabalootaa wayyaanee gidduutti ciimaa jiraachuun gabaafame.
Kunoo dubbii gaariin isa kana. Woyyaaneen boolla ummatoota biraaf qottu ofii keessatti awwaalamuun ishii hin oolu. Yeroo ishiin ummataa fi ummata walitti buusuuf adeemtu ummanni cunqurfamaan ati eenyu jedhee woyyaanee qaanessuu qaba. Akkuma Woyyaneen ummata oromoo ummata biraa waliin walitti buusuuf adeemtu ABO’n ammoo ummattoonni ka biroon waliin Woyyanee irratti akka ka’an gochuu qaba. Best counter act.