Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tajaajilaa Turan 8 meeshaa guutuu waliin galmee Wayyaanee gubuun Dhabaman

Waxabajjii 24,2012
Waxabajjii 20,2012 Godina wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti waraanaa Wayyaanee sakatta’insaaf Bobbaatee irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame.

Gootonnii sabboontonnii Oromoo Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi Saadan Egguutiin hooggaanaman akka gabaasanitti humni hin beekamiin daandii konkolaataa bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti boollaa qotanii qindeesuun  daandii konkolaataa kutanii, konkolaataan Waranaa Wayyaanee Feetee Deemtuu Boollaa tooftaan qotamee qindaa’ee keessaa butee garagaluun lubbuun loltootaa 6 kan hooggaanaan isaanii namni maqaan;

*Dayyaas G/Mikaa’el jedhamuu keessaattii argamuu  battalumatti Du’ani, namonni kudhaan (10), akka malee maadaa’an. Konkolaataan ittin deemaa jiran hojiin alaa taatee jirti, Mootummaan wayyaanee gochaa kanatti akka malee rifachuun humnaa waraanaa bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu tti guuraa jirti.

1 thought on “Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tajaajilaa Turan 8 meeshaa guutuu waliin galmee Wayyaanee gubuun Dhabaman

  1. Kalaqa lolaa bayeessa ta’e dha.Oromoon QBO finiinsuuf tooftaa fi tarsiimoo haaraa yaroo irraa yarootti fofooyyaa adeemu fayyadamuu qaba. Gaaga’ama/wareegama/ qabsaa’ota keenyaa xiqqeessuuf tooftaan akkanaa kun barbaachisaa dha. Lolli si’anaa lola sammuutiin adeemsifamu.

Leave a comment