Barattootni aanaa Haroo Limmuu dabballoota OPDO Qaanessan! Wal gahiin Wayyaanees diddaa barattootaan diigame

Waxabajjii 25,2012

Waxabajjii 24,2012 Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa Haroo Limmuu sad 2ffaa keessatti barattootni oromoo barattoota oromoo hidhaman hiikuu qabdu jechuun fincila qabsiisan.Mootummaan wayyaanee gara aanaa kanaatti dabballummaan akka hojjetanii fi diddaa akka dhaabsisan

  1. Obbo Girmaa Duubee itti gaafatamaa waajjira OPDO aanaa
  2. Obbo Margaa Mokonnon itti gaafatamaa OPDO manneen barnootaa

Dirqama itti kennitus barattootnii fi barsiisotni diddaan isaan simatanii jiran.Dabballootni kun maqaa misoomaa fi nageenyaa odeessaa nama nyaachaa akka jiran ifaan kan itti himame yoommuu tahu,Barattootni tokkummaan Barataa oromoo Taarikuu Dhugumaa mana hidhaa keessaa gad lakkisiisanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Eebantuu keessatti wal gahiin mootummaa wayyaanee fashalee jira.Wal gahiin mootummaan wayyaanee waamte diddaa uummataan simatamuun  wal gahii mootummaa wayyaanee uummatni diigee jira.

 

 

Leave a comment