Waxabajjii 24,2012 Shaambu
Mootummaan wayyaanee diddaa Uummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qabate dhaamsuuf dargaggoota oromoo maqaa Seelii diinaa jedhuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala Aliboo keessatti guuruun dararuu irratti argamti.Dargaggootni
- Misgaanaa Rabbirraa aanaa J/Jaartee ganda Jaarroo Siree irraa
- Tolosaa Rumichaa aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
- Sharifoo aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
- Tolosaa Galataa aanaa Horroo Guta irraa
- Fayyeeraa Ganda Laaloo Igguu irraa
- Dargaggoo Mokonnon Laaloo Igguu irraa dargaggoota oromoo 6 mana hidhaa kanatti mootummaa wayyaaneen ukkaamsaman waliin dararamaa jiru.
Gaaffiin Mirgaa uummatni Oromoo naannoo kanaa gaafate poolisoota naannoo biratti fudhatama qabaachuun poolisootni naannoo kanaa uummata waliin gaaffii gaafachaa kan jiruu fi mootummaan wayyaanee amanamtoota ishii gidduu galeessa irraa bobbaasuun Poolisootas isin ergama diinaa qabdu jechuubn qorannoon rakkisaa jirti.Diddaan uummataa jalqabame hidhaa fi doorsisaan dhaabbachuu akka hin dandeenye mootummaan wayyaanee jala sararee baruu akka qabus uummatni naannoo kanaa fi maadheen ABO dhaamu.